Afriikaan Kibbaa Miseensonni Kaabinee Dhibbantaan 50 Dubartoota Akka Ta’an Taasifte

56

Caamsaa  22/2011 Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siirel Ramafosaa Kaabinee haaraa hundeessan keessatti dubartoonni dhibbantaa 50 akka qabatan taasifte.

Seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaaf bakki ministirootaa walakkaadhaan dubartootaan akka qabamu taasifteetti.

Filannoo baatii kana keessa adeemsifameen pirezidaantii SiirelRaamaafoosaatiin kan qajeelfamu paartiin Afriikaa Naashinaal Kongiras mo’achuunsaatiin kaabinee haaraa kan hundeessan Raamaafoosaan, lakkoofsa ministirootaa 36 irraa gara 28tti hir’iseera.

Pirezidaanti Raamaafoosaa kaabine haaraa hundeessan keessatti namoonni malaammaltummaan shakkaman itti makuu dhiisuunsaanii malaammaltummaa irratti qabsaa’uuf waadaa galan hojiirra oolchuuf kutannoo waan qaban fakkaata jedhameera.

Ta’us itti aanaan pirezidaantii ammaa Daaviid Maabuuzaa deeggaraa cimaa pirezidaantiin biyyattii duraanii Jaakoob Zuumaa fi gochaawwan yakkaa addaddaatiin kan hamataman ta’uurraa kan ka’e muudamnisaanii namoota baay’ee dallansiiseera.

Gama biraatiin pirezidaantichi hoogganaa paartii mormituu duraanii Paatirshiyaa Dii Liilee ministira ministeera bu’ura misoomaa taasisee muuduunsaanii kan hin eegamne ture.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015