Gibtsi Geeba Afriikaa kan bara 2019 akka qopheessitu filatamte

111

Mudde 30/2011 Konfedereeshiniin kubbaa miilaa Afriikaa/Kaaf/ Gibtsi geeba Afriikaa kan bara 2019 akka qopheessitu fileera.

Kaaf bara kana jalqabaaf gareewwan biyyaalessaa 24 kan itti hirmaatan biyya qopheessitu guyyaa boruu akka beeksisu ibee yoo turellee, har’a maaliif akka beeksise waanti jedhe hin jiru.

Afriikaan Kibbaa fi Gibtsi dorgommii kana qopheessuuf amma ammaatti biyyoota Kaaf gaafatan yoo ta’u, Kaaf filannoo guyyaa har’aa taasiseen biyyi kaaba Afriikaa seenaa ishee keessatti yeroo 5ffaaf dorgommii guddaa kana akka qopheessitu fileera.

Federeeshiniin kubbaa miilaa Afriikaa Kaameeruun geeba kubbaa miilaa Afriikaa akka qopheessitu yoo fileyyuu, Kaameeruun dorgommii kana qopheessuuf qophii ga’aa waan hin taasifneef harkaa fudhatameera.

Dorgommii kana qopheessuuf kan filatamte Gibtsi dorgommichaaf baatii 6 keessatti qophaa’uu qabdi jedhameera.

 Geeba kubbaa miilaa Afriikaa akka lakkoofsa warra Awurooppaatti Waxabajjii 15-Adoolessa 13/2019tti ni adeemsifama jedhameetu eegama.

Madda፡ Sopprtii BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015