Sochiin Misooma Qonnaa Biyyoolessaa Adaamaatti Eegalameera

118

Finfinnee Caamsaa 17/2011 Ga’ee qonni gama dinagdeen qabu cimsuuf kan dandeessisu sochii misooma qonnaa biyyooleessaa magaalaa Adaamaatti eegalameera.

 “Tiraanisfoormeeshinii qonnaaf ga’ee hoogganaa`` mata duree jedhuun guyyoota lamaaf Adaamaatti kan gaggeeffamu kana irratti itti aanaan muummicha ministiraa Dammaqaa Makonnnoniin dabalatee ogeesssoota qonnaa fi qaamoleen ilaallatan hirmaataa jiru.

Waggoota darban qonna misoomsuun dinagdee biyyattii cimsuuf dandeessisu jedhamanii tankaanfilee garaagaraa hordofuun bu’aa gaariin argameera.

Keessumaa oomishaa fi oomishtummaa callaa guddisuuf bu’aan argame bakka guddaan kan kennamuuf ta’uun isaa ni dubbatama.

Walumaa galaan hanga oomisha callaa biyyoolessaa waggaa waggaan guddataa dhufuun yeroo ammaa kana hanga kuntaalaa miiliyoona 350 oomishamuu jalqabeera.

Giddu galli istaatiksii raagni bara 2010/11 oomishni callaa biyyatti walii galaa kuntaala miiliyoona 314 akka ta’u ni agarsiisa.

Bara oomishaa qabamettis callaa kuntaala miiliyoona 400 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru odeeffannoon ni argisiisa.

Haa ta’u malee biyyattiin hanga ammaatti midhaan nyaataan  of hin dandeenye.

Kanaan waggaa waggaan midhaan nyaataa keessumaa qamadii meetirik toonii miiliyoona tokkoo ol biyya alaatii bituun akka galchitu odeeffannoowwan ni eeru.

Qorataan qabeenya dinagdee doktor Damis Caannee Tajaajijala Oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti, qonni hundee dinagdee biyyattii ta’us hanga ammaatti bal’inaa fi guddina barbaachisaa ta’een faayidaarra oolaa hin jiru.

Guutummaa biyyattiitti qotamuu danda’a jedhamee kan tilmaamamu lafa hektaara miiliyoona 50 ga’u keessaa yeroo ammaa kana misoomaa kan jiru miliyoona 16 kan hin caalle ta’uusaa qorataan kun dubbataniiru.

Misooma qonnaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf kan dandeessisu misoomni jallisiis biyyattiin dandeettii qabduun kan itti hin hojjetamne dha.

Damee qonnaa kana guddisuuf jijjiirama gadi fagoos akka barbaachisu doktor Damis gorsa kennaniiru.

Ministeerri qonnaa akka beeksisetti qonni dinagdee biyyaaf ga’ee isaa taphataa kan jiru ta’us,  guddinni gama kanarraa argame ijaarsa ce’umsaa taasisuuf kan dandeessisu dandeettii hin uumneef.

Kanaaf qonna ammayyeessuuf ijaarsa ce’umsaa saffisaa fiduuf ga’een hogganaa sadarkaan jiruu murteessaa ta’uusaa itti amanameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015