Badhaasni qulqullinaa marsaa 6ffaa biyyaalessaa adeemsifamuufi

107

Finfinnee Medde 30/2011 Badhaafni qulqullinaa 6ffaa sadarkaa biyyaalessaatti  Kamisa dhufu akka adeemsifamu dhaabbanni qulqullinaa Itoophiyaa beeksise.

Dhaabbatichi sirna badhaasaa kana ilaalchissuudhaan ibsa kenneen akka beeksisetti, sirni badhaasaa kuna amma ammaatti yeroo 5ffaaf kan adeemsifame yoo ta’u, barana si’a 6ffaaf adeemsifama.

Hojii raawwachiisaan dhaabbatichaa ob. Teediroos Maabraatuu akka ibsanitti, Kaayyoon badhaasa kanaa oomishtoonnii fi tajaajiltoonni biyyattii keessatti argaman akkasumas dhaabbileen dame konistiraakshinii irratti bobba’an qulqullina eeguuf hojii hojjetan jajjabeessuudhaan badhaasaa fi beekamtii akka argatan gochuufi.

Dhaabbileen biyyattii keessatti argaman sadarkaa qulqullinaa addunyaan irra ga’e waliin akka of madaalanii gochuuf carraa kan uumuu fi ogeeyyota ga’umsa qaban shoora guddaa qaba jedhaniiru.

Akka ibsa hojii raawwachiisaa kanaatti, akka biyyaatti waa’een qulqullinaa fi dorgommii hubannoon ga’aan waan hinuumamneef amma barbaadamu dorgomtoota argachuun hin danda’amne jedhaniiru.  

Bara kana dhaabbileen 330 akka dorgoman waamichi taasifamullee, tole jechuun amma dhumaatti kan deeman 40 qofa akka ta’an ibsaniiru.

Dhaabbilee hirmaatan 40 keessaa dame oomishtootaa, dame tajaajilaa, dhaabbilee barnoota olaanaa, dhaabbilee fayyaa fi dame konistiraakshinii irratti kanneen bobba’anidha.

Badhaasa qulqullinaa marsaa 5 amma ammaati adeemsifameen dhaabbileen 49 badhaasa sadarkaa olaanaa argachuun 1ffaa kan ta’an yoo ta’u, marsaa 6ffaa baranaatiin dhaabbileen 9 badhaafamtoota sadarkaa 1ffaa akka ta’an ibsameera.

Badhaafni kun Kamisa dhufu Amajjii 2 bara 2011 pirezidaanti SaahilewarqiZawudee fi itti gaafamtoonni mootummaa olaanoon , akkasumas ambaasaaddaroonni bakka argamanitti  masaraa biyyaalessaatti adeemsifma.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015