Jila waltajjii Obbolummaa Ummata Oromoo Fi Affaar Irratti Hirmaataniif Simannaan Taasifame

65

Caamsaa 16/2011 Jilli naannoo Affaar, waltajjii obbolummaa Affaarii fi Oromoo har'a  Adaamaatti gaggeeffamurratti hirmaatu kaleessa simatame.

Itti aanaan prezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan jila hoggansa olaanoo naannoo Affaar obbo Awwal Arbaatiin durfamuuf magaalaa Adaamaatti simannaa taasisaniiruuf.

Waltajii obbolummaa har'a gaggeeffamu kana irratti hoggantoota olaanoo nannoo lamaanii dabalatee ummattoota lamaan irraa gareen bakka bu'e akkasumas namoonni kuma 2 ol irratti kan hirmaatan ta'a.

Barreeffamoonni seenaa ummatoota lamaanii fi walitti dhufeenya isaanii kan yeroo dheerraaf ture irratti ni dhiyatu jedhameetu eegama.

Keessummoota naannoo Affaarii waltajjicharratti hirmaataniif magaalota godina Shawaa Bahaatti simannaan taasifamee jira.

Waltajjiin kunis har'a kan gaggeeffamu ta'a.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015