Sanbata Dhufu Guyyaan Afriikaa Imbaasii Itiyoophiyaa Keeniyaatti kabajama

Caamsaa 15/2011 Keeniyaatti qopheessummaa Imbaasii Itiyoophiyaatiin Sanbata dhufu Caamsaa 17/2011 A.L.I guyyaan Arfiikaa ni kabajama.

Keeniyaatti Imbaasiin Itiyoophiyaa ayyaana kana akka keessummeessuuf kan filatamteef  Itiyoophiyaan hundeessa dhaabbata tokkummaa Afriikaa eegalee gamtichaaf ga’ee gumaachaa jirtu tilmaama keessa galchuuni.

Keeniyaatti Ambaasaaddarri aangoo guutuu Itiyoophiyaa Mallas Alam addatti Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti Itiyoophiyaan qabsoo bittaa  farra garbummaa eegalee hanga ammaatti ardii kana qoraa kan jiran rakkoolee dhimma nageenyaa fi jijjiirama haala qilleensaa furuuf qabsoo taasifamuun ga’ee guddaa qabdi.

Keeniyaatti kan kabajamu guyyaan Afriikaa Itiyoophiyaan akka keessummeessituuf teessoo isaanii Naayiroobii kan godhatan Ambaasaaddaroonni biyyoota  Arfiikaa biyyattiin Ardii kanaaf ga’ee isheen gumaachaa jirtu tilmaama keessa galchuun filachuu isaanii hubachiisaniiru.

Ayyaanicha haala ho’aa ta’een kabajuuf Itiyoophiyaan kan hooggantu koreen qophii hundaa’ee hojiiwwan qophii duraa hojjetamaa akka jiru kan dubbatan Ambaasaaddar Mallas, `` koree keessatti bakka bu’oonni biyyoota hundaa miseensummaan hirmaachaa jiru`` jedhaniiru.

Guyyaan kun Afriikaanonni aadaa fi duudhaa biyyoota isaanii kan itti beeksisanii fi waltajjii muuxannoo  itti waljijjiiranidha.

Akka ibsa Ambaasaaddar Mallasitti, guyyaa Afriikaatti biyyoota Afriikaa gidduutti tokkummaan hojjechuu fi haala gaarii ardichaa addunyaaf beeksisuuf  xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’a.

Waltajjii kanarratti rakkoolee waliin furuuf, ardichatti carraa dhufuu fi gufuwwan irratti marii taasisuun Afriikaanonni dabalataan waadaa waliin galuun haala gaarii uumuuf akka ta’ae hubachiisaniiru.

Waltajjichi Afriikaanonni waltajjii tokko irrattii fi  bakka tokkotti carraa walitti qabaman keessaa tokko akka ta’e ibsanii, dippiloomaasiin aadaa guyyaa itti adeemsifamu ta’uusaa eeraniiru.

Guyyaan kun Imbaasichatti yeroo kabajamu Keeniyaa kan jiran Imbaasonni biyyoota Afriikaa aadaa isaanii daawwannaaf dhiyeessuun ni beeksisu.

Waggaa waggaan akka lakkoofsa Giriigooriyaaniitti Caamsaa 25 guyyaan Afriikaa kabajamuu kan eegale dhaabbata tokkummaa Afriikaa /yeroo ammaa Gamtaa Afriikaa/ bara 1963 A.L.A hundeeffamuu isaatiini.

Guyyaan kun biyyoota Afriikaa fi biyyoota garaagaraa addunyaa guutuurratti argamaniin ni kabajama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015