Magaalaa Finfinneetti Namoota Manneen Seeraan Alaa Ijaaran Irratti Tarkaanfiin Ni Fudhatama Jedhame

55

Finfinnee Caamsaa 15/2011 Magaalaa Finfinneetti karaa gurmaa'een namoota weerara lafaa gaggeessan irratti tarkaanfiin ni fudhatama jedhan itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan.

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa dhimma weerara lafaa kana fi dhimma manneen seeraan alaa ijaaraman irratti namoota dhimmichi ilaallatu waliin mari'ataniiru.  

Magaalaa fayya qabeessa keessa jiraachuun mirga nama hundaa ta'u kan himan injiinar Taakkalaan weerarri lafaa seeraan alaa fi ijaarsi seeraan alaa babal’achaa jiraachuu isaa ibsaniiru.

Keessumattuu ijaarsi seeraan alaa kun kutaa magaalaa Boolee, Aqaaqii Qaallittii, Nifaas Silk Laaftoo, Gullallee fi Yakkaatti ni heddummaata jedhaniiru.  

Bulchiinsi magaalichaa qaamolee nageenyaa waliin ijaarsa seeraan alaa kana irratti tarkaanfii kan fudhatu ta'as jedhameera.

Hoggansaa fi qaamni mootummaa ijaarsa seeran alaa kana keessatti hirmaate seeranis kan gaafatamu ta'a.  

Weerara lafaa kana maddiittis qaamoolee nageenyaa ummata jeeqan irrattis tarkaanfiin akka fudhatamu dubbatanii jiru. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015