Buufattoota raadiyoo hawaasaa eeyyama fudhatanii hojii hin eegalle 17 abbaan taayitaa biroodkaastiingii ofeeggannoo kenneef

Aksum Mudde 28/2011 Buufataalee raadiyoo hawaasaa eeyyama fudhatanii tamsaasa hin eegalle waggaa tokko keessatti hojii yoo hin eegallee eeyyamnisaanii akka irraa fudhatamu abbaan taayitaa biroodkaastiingii ofeeggannoo kenneef.

 Eeyyama raadiyoo hawaasaa Yunivarsiitii Dabra Biraanii fi magaalaa Mayicawu haquu isaa abbaan taayitaa biroodkaastiingii beeksiseera.

Yunivarsiitiin Aksum buufata raadiyoo hawaasaa hundeessuuf waltajjii filannoo gumii walii gala fi boordii kaleessa adeemsiseera.

Waltajjicharratti kan argaman abbaa taayitichatti daayiraktarri galmeessaa eeyyamaa quunnamtii hawaasaa ob. Mulugeetaa Sisaayi akka jedhanitti akka biyyaatti buufataalee raadiyoo hawaasaa 50f eeyyamni kennameera.

Eeyyama kan fudhatan keessaa buufatoonni raadiyoo hawaasaa 31 tamsaasa eegaluusaanii eeraniiru.

Raadiyoon hawaasaa yuunivarsiitii Dabrataaborii fi Maayicawu eeyyama fudhatanii waggaa 5 oliif  tamsaasa waan hin eegalleef eeyyamnisaanii haqamuusaa ibsaniiru.

Eeyyama fudhatanii tamsaasa kan hin eegalle buufattoonni raaditoo hawaasaa 17 waggaa tokko keessatti tabsaasa eegaluu akka qaban ob.Mulugeetaan hubachiisaniiru.

Buufataaleen raadiyoo hawaasaa  Iiroob, Kunaamaa, Injibaaraa, Shakkaa, Silxee fi kanneen biroo 17 waggaa kana tamsaasa akka eegalan gama mootummaatiin deeggarsii fi hordoffiin akka godhamu Daayiraktarichi dubbataniiru.

Buufata raadiyoo hawaasaa Yuunivarsiitii Aksum hundeessuuf abbaa taayitichaarraa eeyyama argachuuf mallattoo hawaasa eeyyama gaafatuu walitti qabuun akka barbaachisus himaniiru.

”Buufatichi dhaabbata seera qabeessa ta’uusaa kan mirkaneessuu fi qajeelfamaa fi seera ittiin bulu, gurmaa’nsa human namaa, akkasumas meeshaalee tamsaasaa ilaalchisee Yuunivarsiitichi raga qindaa’e qopheessuu qaba” jedhaniiru.  

Walitti qabaan boordii buufatichaa ta’uun kan filataman pirezidaantiin Yuunivarsiitichaa doctor Tsehaayyee asmallaash yaada kennaniin, Buufatichi wayita hojii eegalu hawaasa naannichaa fi Yuunivarsiitiif madda odeeffannoo kan jalqabaa ta’ee akka tajaajilu ibsaniiru.  

“Hunda dura hojiiwwan fedhiiwwanii fi rakkoolee hawaasaa bu’ura godhatan hojjeta” jedhaniiru.

Buufanni raadiyoo hawaasaa kun muuxannoowwan iddoowwan addaddaa jiran qindeessuun yeroo gabaabaa keessati hojiitti galchuuf akka hojjetu doctor Tsahaayyeen hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015