Gamtaan Awurooppaa Fi Chaayinaan Damee Siviil Aviyeeshiniitiin Waliin Hojjechuuf Walii Galan

55

Caamsaa 13/2011 Komishiniin gamtaa Awurooppaa fi Chaayinaan wal ga’ii waliin adeemsisaniin dame Siviil Aviyeeshiniitiin dhimmoota bu’uraa lama irratti waliin hojjechuuf walii galteerra ga’aniiru.

Walii galteewwan kunneenis nageenya balalliii fi dame tiraanispoortii murtaa’an irratti kan xiyyeeffatanidha.

Pirezidaantiin gamtaa Awurooppaa Jiin Kiled Junker akka ibsanitti walii galteen akkasii gamtaa Awurooppaa fi Chaayinaa jidduutti yoo adeemsifamu kan jalqabaa fi tarkaanfii isa guddaati kan jedhame yoo ta’u, addunyaan haala wal xaxaa addaddaa keessa wayita galte kanatti taasifamuunsaa ammoo yeroo kamiyyuu caalaa faayidaa ni qabaata.

Pirezidaantichi akka jedhanitti “gamtaan Awurooppaa biyyoonni waliin hojjechuunsaanii addunyaa cimtuu, nageenyishee eegamee fi badhaate uumuuf faayidaa olaanaa akka qabu cimseetu amana” jedhaniiru.

Walii galteewwan lamaan kunneen “ gama carraa hojii uumuutiin, guddina si’achiisuu fi walitti dhiheenya ummattootaa cimsuudhaan ga’ee olaanaa waan qabaniif fuulduraafis cimanii itti fufuu qabu” jechuudhaan Junker dabalanii ibsaniiru.

Pirezidaantiin mana hojii Siviil Aviyeeshinii Chaayinaa Fengi Jingliin gamasaaniitiin walii galteewwan lamaan waliif mallatteessan fuulduraaf Chaayinaa fi gamtaan Awurooppaa damee Siviil Aviyeeshiniitiin walii galtee qabaatan cimsuudhaan wal ta’umsa tarsiimawaaf shoora olaanaa qaba jedhamuusaa kan gabaase ‘CGTN’ dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015