Warshaalee Faalama Naannoo Geessisaa Jiran Irratti Tarkaanfiin Fudhatamu Itti Fufa …. Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa

263

Finfinnee Caamsaa 13/2011 Naannoo Oromiyaatti warshaalee faalama naannoo fi qilleensaa geessisaa jiran irratti tarkaanfiin fudhatamu kan itti fufu ta'u abbaan taayitaa eegumsa naannoo, bosonaa fi jijjirama qilleensaa naannichaa beeksise.  

Bara bajataa qabamee jiru kana naannichatti warshaalee balfa hin yaalamne gara lagaatti gadi dhiisanii ummata irratti miidhaa geessisan 28 irraatti tarkaanfiin fudhatamuu isaa ibsee jira.  

Wajjiriichi dhaabbilee miidiyaa biyya keessaa gara garaa waliin faalama warshaaleen nannicha keessa jiran geessisaa jiran daawwatee jira.  

Wayituma kana ibsa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf kan kennan Daayrektarri to'annoo fi hordofii hojii irra oolmaa seerota eegumsa naannoo obbo Sintaayyoo Bafiqaaduu akka jedhanitti warshaaleen naannoo Oromiyaa keessa jiran baayyeen isaanii faalama naannoof sababa guddaa ta'anii jiru.  

Yeroo ammaa kanas faalamni laggeen naannoo Oromiyaa keessa jiranii haala yaaddessaa keessa jiras jedhanii jiru.  

Sababa kanaan ummanni naannoo warshaalee jiraatu dhukkuba akka Qufaa, Saayinasii, Alaarjikii Loon isaanii irra gogaan qunca'uu fi saawwan rimaa ta'an gatachiisuu akkasumas bishaan naannoo faayidaan alaa akka ta'u taasisu irratti argamu jedhaniiru.   

Warshaalee naannoo irratti miidhaa geessisan 28 irraatti tarkaanfiin cufuu akka fudhatame kan himan obbo Sintaayyoon, 23 kan ta'an ji'a tokkoof lama keessatti jijjiirama agarsiisaniin kan saaqaman yoo ta'u warshaaleen jijjiirama hin agarsiifne 5 ammas akkuma cufamanitti argamu jedhanii jiru.

Warshaaleen akkuma cufamanitti argaman kunneenis magaala Mojoo, Sabbata, Adaamaa, Bishooftuu fi magaalaa Sulultaatti ta'uu Daayrektarichi himanii jiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa misooma gara naannichaatti dhufu harka bal'isee akka simatu kan dubbatan obbo Sintaayyoon warshaaleen faalama naannoo geessisaa jiran yeroo cufaman mootummaan naannoo Oromiyaa misooma akka of irraa dhiibaa jiruutti namoonni haasa'an dubbii isaanii kana irraa of qusachuu akka qabanis dhaamanii jiru.   

Warshaaleen osoo naannoo faalaa jiranii miidiyaaleen gara garaa beekaniis osoo hin beeknees warshaaleen naannoo akka hin faalletti oduu asii fi achi qabanii haasa'an bakkatti argamanii ilaaluun miidhaa ummata irra ga'aa jiru adda baafachuu qabus jedhaniiru.

Dhimmi eegumsa naannoo dhimma nama hundaa ta'uu kan himan obbo Sintaayyoon, gara fuula duraattis warshaalee ummata irratti miidhaa geessisan irraatti tarkaanfiin fudhatamu kan itti fufu ta'uus beeksisaniiru.

Hogganaan waajjira abbaa taayitaa eegumsa naannoo, bosonaa fi jijjiirama qilleensaa magaalaa Mojoo obbo Asaffaa Admaasuu daawwii kana irratti akka jedhanitti yeroo ammaa lagni magaalaa mojoo kessatti argamu Lagni Mojoo ummataf tajaajila kennuu irraa alaa ta'ee jira jedhaniiru.

Faalama laga Mojoo Kanaafis warshaaleen gogaa baayyinni isaanii 12 ta'an laga maddiitti ijaaramuun balfa hin yaalamne gara lagichaatti gadi dhiisuun isaanii sababa jedhan.   

Warshaaleen miidhaa geessisaa jiran irraa akka of qusataniif marii taasifameen jijjiramni argamus warshaalee jijjiirama hin agarsiifne 2 akka cufamaan ta'anii jiru jedhan hogganichi.

Warshaaleen Isti Afriikaa fi Hora jedhaman cufamanii kan turan yoo ta’u, yeroo kennameef keessatti jijjiirama argamsiisuu isaaniin banamuu isaaniis himanii jiru.

Warshaaleen 4 ta'an ammoo akeekkachiifni dhumaa akka kennameef himanii, yeroo kennameefitti balfa gara lagaatti gadi dhiisan yaalanii kan gadi hin dhiifne taanaan tarkaanfiin kan irratti fudhatamu ta'uus beeksisanii jiru.

Waajjira abbaa taayitaa eegumsa naannoo, bosonaa fi jijjiirama qilleensa magaala Dukamitti hogganaa kan ta'an obbo Wubisheet Jimaa yaada kennaniin balfi warshaalee Isti Industrii Zoonii magaalaa Dukam keessatti argamu irra gadi dhiifamu faalama naannoo geessisaa jira jedhaniiru.

Balfi keemikaalaan faalamee gara ummataatti gadi dhiifamu kunis oomisha kuduraa fi muduraa irratti miidhaa geessisa jiras jechuun dubbataniiru.

Jiraattuun magaalaa Mojoo adde Sannaayit Magarsaa akka jedhanitti warshaalee naannoo isaanii jiraniin miidhaan isaan irra ga'aa jiraachuu dubbataniiru.

Dur-dur bishaan laga Mojoo dhugaatii namaa fi looniif, bishaan daakuu fi huccuu ittiin miiccuuf akka itti fayyadamaa turan himanii, bara 2001 irraa calqabee garuu guutumaa guutuutti faalamuu isaan kan ka'e tajaajila nuuf kennaa hin jiru jedhaniiru.

Fooliin warshaa keessaa gadi dhiifamus daa'imman keenya dhukkuba gara garaaf saaxilaa jira jechuun dubbatanii jiru.

Qaamni dhimmi ilaallatus furmaata nuuf kennuu qaba jechuun dhaamanii jiru.

Jiraattuun magaalaa Sabbataa adde Boontuu Mardaasaa gama isaaniitiin balfi warshaalee kessaa ba'u ijoole isaanii irratti midhaa gara gara geesisa jiraachuu dha kan himan.

"Daa'imman keenya dhukkuba Qufaatiin yeroo yeroon waan nu jalaa qabamaniif rakkachaa jirra " jedhaniiru.

Foolii xurrawaan warshaa kana kessaa ba'us rakkinaaf nu saxilaa jira jechun yadda isaanii kenaniru.

Motummaaniis rakinaa keenya ilaale furmaata akka nuuf kenu iyaana jedhaniru.

Riippoortarri tajaajila oduu Itiyoophiyaas yeroo gara magaala Mojoo, Duukam fi Sabbata dememee ilaaletti balfi warshaalee keessaa ba'an ummata miidhaaf saaxilaa jiraachuu daawwatee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015