Argannoon Odiitii Kan Isaanirratti Argame Gabaasni Dhaabbilee 50 Mana Maree Magaalichaaf Dhiyaachuufi

279

Finfinnee Caamsaa 12/2011 Odiitarri olaanaan Finfinnee waggootaaf darbaa kan ture argannoo odiitii kan qaban dhaabbileen 50 gabaasni isaanii sadarkaa maaliirra akka jiran ibsu mana maree bulchiinsa magaalichaaf dhiyeessuufi.

Komiin ummataa kan isaanirratti dhiyaatu gabaasni raawwii hojii ji’a sagalii biirolee daldalaa fi industirii, geejjibaa fi carraa hojii uumuu fi interpiraayizii mana mareef ni dhiyaata.

Manni maree bulchiinsa magaalichaa caamsaa 15/2011 A.L.I eegalee guyyoota sadiif kan adeemsisu bara hojii waggaa 6ffaa yaa’ii idilee 2ffaa ilaalchisee  kaleessa ibsa kenneera.

Daayirektarri pireesii fi quunnamtii ummataa mana marichaa obbo Addisaalam Innichaalew akka jedhanitti,  waggoota kurnan darbanitti rakkooleen dhaabbilee argamsa odiitii qabanii darbaa tureera.

Bulchiinsa magaalichaa jala kan jiran dhaabbileen 50 hir’ina faayinaansii utuu qabanii fi  kanaafis qaamooleen itti gaafatamaa ta’uu qaban utuu hin gaafatamiin waggootii akka lakkoofsise ibsan.

Manni maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee bara hojii waggaa 6ffaa yaa’ii idilee 1ffaan dhaabbileen hir’ina faayinaansii agarsiisan itti gaafatamaa taasisuuf yaada murtii raggaasisuun isaa yaadataniiru.

Manni marichaa haala murtii dabarseen argamsi odiitii isaanirratti kan argame dhaabbilee 50 keessaa hangam isaanii akka sirreessanii fi hangam isaanii immoo itti gaafatamaa ta’an kan jedhu gabaasa odiitara olaanaa ni dhaggeeffata jedhaniiru.

Dabalataan manni marichaa gabaasa biirolee murteessoo ta’an daldalaa fi industirii, geejjibaa fi carraa hojii uumuu fi intarpiraayizii ni qorata.

Afa yaa’iin mana marichaa ummata waliin marii taasisaniin bittaa fi gurgurtaa, geejjibaa fi dargaggootaaf carraa hojii uumuun walqabatee bal’inaan komiin isaanirratti dhiyaatee akka ture ibsaniiru.

Dhaabbileen sadanuu komini irratti ka’e sadarkaa maaliirra akka jiran manni marichaa qoratee ummatatti beeksisuuf dursa kennuusaa dubbatan.

Manni marichaa ejensii sab-quunnamtii Finfinnee irra deebiin akka hundaa’uuf wiixineen labsii ba’e dabalatee murtii ni dabarsa jedhamee eegama.

Dabalataan manni marichaa muudama qaamaa raawwachiiftuu fi haqaa garaagaraa ni raggaasisa jedhamees ni eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015