Finfinneetti Tamsaasni Humna Elektiriikii Darabee Lamaan Akka Ta'u Taasifame

121

Caamsaa 12/2011 Hanqina humna ibsaarraa kan ka'e Finfinneetti humni ibsaa darabee sadiin kennamaa ture hojmaataaf mijataa waan hin turreef darabee lamaan akka ta'u murtaa'uusaa tajaajilli elektiriikii Itiyoophiyaa beeksise.

Daarektarri komunikeeshinii tajaajilichaa obbo Malaakuu Taayyee tajaajila oduu Itiyoophiyaatiif akka himanitti, darabeen kun ganama barii sa'aatii 11:00 amma guyyaa keessaa sa'aatii 8:00 fi guyyaa keessaa sa'aatii 8:00 irraa amma dhiha keessaa sa'aatii 4:00tti akka ta'u taasifameera.

Sa'aatii darabee lamaan kunneen wal jijjiiruudhaan hawaasaaf tajaajilli kan kennamu ta'uu eeraniiru.

Magaalaa Finfinnee keessatti tooronni bishaanii, hoospitaalonni, qindeessitoonni nyaataa, yuuniivarsiitonni fi tajaajila kan kennan kanneen biroo ibsaan akka addaan hin cinne yaaliin taasifamaa jira.

Darabee kaa'ameen ala tajaajilli ibsaa akka addaan hin cinne taasisuuf dhaabbatichi hojjechaa akka jiru hubachiisaniiru.

Keessumaa sababa rakkoolee toora elektiriikaa dullooman, bokkaa fi nam tolcheetiin addaan ciccituu humnaa uumaman suphaa ariifachiisaa raawwachuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Sagantaa naannolee ilaalchisees distiriiktii fi waajjiraalee tajaajila kennaniin kan ibsamu ta'uun beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015