Gibxitti Haleellaa Atobisii Tuuristootaarratti Raawwatameen Namoota 16 Irra Miidhaan Qaqqabe

53

Caamsaa 12/2019 Gibxitti dhihenya muuziyeemii biyyaalessaa Piiraamiidii Giizaa cinaatti haleellaa Atobisii Tuuristiirra ga’een namoota 16 irra miidhaan qaqqabeera.

Kanneen miidhaman keessaa lammiileen Afriikaa Kibbaa kan keessatti argaman yoo ta’u, hedduusaaniirra balaan salphaan kan irra ga’ee fi sadansaanii Hoospitaala akka galan aanga’oonni biyyattii beeksisaniiru.

Atobisiin turistootaa Muuziyeemicha cinaa wayita darbu dhohiinsi dhagahamuusaa BBCn gabaaseera.

Haleellaa kana eenyu akka raawwate amma ammaatti kan hin beekamne yoo ta’u, hidhattoonni islaamummaa wayita darbe tuuristootarratti haleellaa geessisaa akka turan gabaasni kun yaadateera.

Baatii Muddee darbe haleellaa boonbii daandiirratti raawwatameen tuuristoonni Veetinaam sadii fi Tuuristi gaayidiin tokko Atobisii keessa osoo jiranii ajjeefamuusaanii gabaasni kun yaadateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015