Magaalaa Ambootiif Maaster Pilaaniin Sadarkaasaa Eegee fi Ammayyaa Waggoota 10f Turu Hojjetame

74

Ambo Caamsaa 10 / 2011 Godina Shawaa lixaa magaalaa Ambootiif maaster pilaaniin haaraan sadarkaasaa eegee fi ammayyaa waggoota 10f turu hojjetameef.

Bulchiinsi magaalaa Amboo hojiirra oolmaa maaster pilaanichaa ilaalchisuun jiraattota magaalichaa waliin mari'ateera.

Kantiibaan bulchiinsamagaalaa Amboo obbo Tarrafaa Badhaadhaa wayita kana akka hubachiisanitti, caaseffamni pilaanii si'a sadaffaaf irra deebi'amee hojjetamaa jiru rakkoolee bu'ura misoomaa fi bulchiinsa gaarii magaalattii isa dhumaaf ni hiika.

Magaalaan Amboo waggoota 11 darbaniif pilaanii magaalotaa qindoominaatiin gaggeeffamaa turuushee yaadatanii, yeroo ammaa irra deebiin pilaanii kun deeggarsa Inistiityuutii pilaanii Oromiyaatiin adeemsifamaa jira jedhaniiru.

Pilaanichi sadarkaa biyyattiin irra geesse tilmaama keessa galchuusaa kantiibaan kun hubachiisaniiru.

"Maastar pilaanonni kanaan dura hojjetaman haa hojjetaman malee, wayita hojiirra oolan sirnaan hin raawwatamne,  kutaan hawaasaa hojiirra oolmaasaatiif deeggarsa taasisan xiqqaa ture" jedhaniiru.

Pilaanichi Iddoowwan barnootaa, daandii, misooma magariisaa, tuurizimii, industirii fi invastimantii,tilmaama keessa galchuusaa obbo Tarrafaan hubachiisaniiru.

Daayiraktariin itti aanaan inistiitiyuutii pilaanii magaalotaa Oromiyaa obbo Ahimad Toofiiq maaster pilaanichi baatii sadetiif qoratamaa akka ture eeranii, hojiirra aaka oolu ijaarsa manneen seeraan alaa wal ta'uun ittisuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Hirmaattonni tokko tokko yaada kennaniin akka jedhanitti, hojiirra oolmaa maaster pilaanichaaf deeggarsa akka taasisan beeksisaniiru.

Magaalaan Amboo magaaloota Itiyoophiyaa pilaaniin hoogganaman keessa ishee tokko yoo taatu, hojmaata pilaanii magaalaa waggaa 10iin haaromu akka hordoftu ibsameera.

Magaalaan Amboo bara 1931 kan hundooftu magaalaa hangafa yoo taatu, ummata kuma 104 fi 265tu keessa jiraata.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015