Chayina magaalaa Zhaamiinitti dorgommii Maaraatoonii adeemsifameen atileetonni Itoophiyaa mo’atan

112

Finfinnee Mudde 29/2011 Chaayinaa magaalaa Zhaamiinitti dorgommii maaraatoonii adeemsifameen atileetonni Itoophiyaa koorniyaa lamaaniinuu mo’atan.

Dorgommii kanaan Itoophiyaanonni atileeti Dajanee Dabalaa fi atileeti Madiinaa Damee tokkoffaa ba’uun mo’ataniiru.

Waggaa darbe dorgommicha kan mo’ate atileeti Dajanee Dabalaa, dorgommii kana sa’aatii 2 daqiiqaa 9 fi sakondii 26n xumureera.

Atileetonni Itoophiyaa Afawarqi Masfinii fi Biraanuu Nebbebewu Dajaneetti aanuudhaan 2ffaa fi 3ffaa ba’aniiru.

Haala wal fakkaatuun dorgommii maaraatoonii dubartoota gidduutti taasifameen lammii Itoophiyaa kan taate Madiinaa Damee sa’aatii 2fi daqiiqaa 27 fi sakondii 25n xumuruudhaan dorgommicha mo’atteetti.

Atileeti Shaashoo Insarmuu fi Atileeti Faantuu Jimaa ammo 2ffaa fi 3ffaa ta’uudhaan wal duraa duubaan xumuraniiru.

Akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 2003 jalqabee dorgommii maaraatoonii Zhaamiinii Adeemsifamaa tureen waggoota walitti aanan 10 dabaniin dorgommii dubartootaatiin atileetonni Itoophiyaa mo’achuu danda’aniiru.

Dorgommii dhiiraatiin waggaaota walitti aanan sadan darbaniin atileetonni Itoophiyaa dorgommii kana olaantummaan xumuruu danda’aniiru.

Gama biraatiin kaleessa Ixaaliyaa Kaampoosiyootti dorgommii qaxxaamura biyyaa kiiloo meetira 10 adeemsifameen atileeti Hagos G/hiywoot 1ffaa ta’uun xumureera. Dorgommii kanas daqiiqaa 29 fi sakondii 18n xumureera.

Atileeti Salamoon Baaraggaa ammo sakondii 4n caalamuun Hagositti aanee 2ffaa ta’uun galeera.

Atileetiin lammii Ugaandaa atileet Alber Cummuttii atileet Salamoon Baaraggaa waliin dorgommii cimaa kan taasise yoo ta’u, sakondii tokkoon caalamee 3ffaa ta’uun xumureera.

Dorgommii dubartootaa kiiloomeetira 6 adeemsifameen atileetiin biyya Turkii atileet Yaasemiin Kaan mo’atteetti. Atileetii lammii Itoophiyaa Silennaat Yismaawu lammaffaa wayita baatu,atileetiin biyya Keeniyaa Karolaayin Cheepkiimooyi 3ffaa baateetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015