Ogeessonni Fayyaa Naannoo Oromiyaa Keessa Hojjetan Marii Eegalan

214

Finfinnee Caamsaa 9/2011  Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa ogeessonni fayyaa godinaalee fi aanolee garaagaraa dhaabbilee buufata fayyaarraa dhufan 600 ol kan ta’an gufuwwan gama kanaan jiranii fi furmaata isaarratti mari’ataa  jiru.

Har’a magaalaa Finfinneetti kan argamu galma waajjira pirezidaantii mootummaa Oromiyaatti mariin jalqabame guyyoota lamaaf  tura.

Marii kanarratti oolmaa guyyaa jalqabaatiin naannoo Oromiyaatti milkaa’inaa fi gufuuwwan gama kanaan jiran irratti itti aanaa itti gaafatamaa biiroo naannichaa doktor Abdulqaadir Galgaloon qorannoon dhiyaatee  mari’atamaa jira.

Qorannoo dhiyaate irratti marii bal’aan akka taasifamu kan eeran qindeessitoonni, qorannoo kanaan alatti ogeessonni fayyaa gama hojichaan rakkinoota mul’atan irratti itti gaafatamaa biiroo eegumsa fayyaa Oromiyaa doktor Darajjee Dhugumaa waliin ni mari’atu.

Oolmaa marii guyyaa boruutiin itti aanaan pirezidaantii Oromiyaa obbo Shimalli Abdiisaa bakka argamanitti mariin waliigalaa fi yaadoleen furmaataa akka dhiyaatu dubbataniiru.

Naannoo Oromiyaatti hospitaalota 80 ol, eegumsa  fayyaa kuma 1 fi 400 ol,  Keellaa fayyaa kuma 7, ogeessota fayyaa kuma 940 olii fi hojjettoonni deeggartootaa argamuun isaanii ni beekama. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015