Godina Jimmaatti Xayyaarri Shaakallii Kufuun Balaliisaarra Miidhaan Mada’uu Ga’e

62

Caamsaa 9/2011 Qabeenyummaan isaa filaayit sarvisii Abiisiiniyaa kan ta’e xayyaarri siisiinaa 172 naannoo Oromiyaa godina Jimmaa naannawa Asandaabootti kufee balaliisaa shaakalarra turerra balaan madaa’uu ga’eera.

Abbaa taayitaa Siivil Aveeshinii Itiyoophiyaatti itti gaafatamaan sab-quunnamtii ummataa obbo Annimuut Lammaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti xayyaarri shaakalarra ture kun kan kufe har’a ganama sa’a 4:00 irratti.

Balaa kanaan leenjii shaakallii balaliisummaarra paayileetii turerra miidhaan madaa’uu akka ga’es dubbataniiru.

Ministeerri geejjibaas ka’umsa balaa kanaa kan qoratu garee ogeessotaa gara bakka balaan ga’e kanaatti  erguusaa beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015