Dhaabbileen 4 Nagahee Malee Utuu Bitanii Fi Gurguranii Qabaman

109

Caamsaa 8/2011 Magaalaa Finfinneetti daldala fichisiisuu fi tamsaasuu/hiruu irratti kan hirmaatan dhaabbileen afur bittaa fi gugurtaa nagahee malee raawwataa utuu jiranii harkaa fi harkatti qabamaniiru.

Magaalaa Finfinneetti itti aanaan daayirektara olaanaa seera kabachiisaa abbaa taayitaa galiiwwanii obbo Taammiraat Nugusee har’a ibsa kennaniin, kaleessa caamsaa 7/2011 A.L.I hordoffii taasifameen dhaabbileen kun hanga Birrii kuma 100 ga’u nagahee malee bittaa fi gurgurtaa utuu raawwatanii qabamaniiru.

Abbaan taayitichaa daldala seeraamiksii,  giraanaayitii fi qodaawwan mana baanyoo  irratti dhaabbilee bobba’an irratti ji’a tokkoof qorannoo fi hordoffii taasiseen dhaabbileen galtee ga’aa qaban nagahee malee bittaa fi gurgurtaa raawwataa turuu isaanii dubbataniiru.

Abbaan taayitichaa kaleessa hojii  duulaa adeemsiseen  dhaabbileen kun Birrii kuma 100 ol nagahee malee bittaa fi gurgurtaa raawwataa turuu isaanii mirkaneessuu isaa ibsaniiru.

Bittaa fi gurgurtaa seeraan alaa adeemsisaa utuu jiranii dhaabbileen qabaman naannawaa  Kaasaanchiisii fi Siiginaal jedhamutti kan argaman yoo ta’u,   seeraamiksii Yaabsiraa, Liyyuu acceraaresii fi seeraamiksii Fooziyaa dhaabbileen jedhaman daldala tamsaasuu /hiruu  irratti kan hirmaatan yoo ta’u, dhaabbanni Giraanaayitiin Saabaa fi seeraamiksii jedhamu immoo hojii daldalaa fichisiisuu irratti kan bobba’edha.

Dhaabbilee gocha seeraan alaa irratti hirmaatan keessaa abbootiin dhaabbilee kanaa lamaaa fi hojjettoonni qacaramanii hojjetan 8 seera jala ooluu isaanii dubbataniiru.

Gochi seeraan alaa kun adabbii bulchiinsaa fi yakkaa kan adabsiisu yoo ta’u,  adabbiin bulchiinsaa nagahee malee bittaa fi gurgurtaa utuu raawwatuu daldalaan argame tokkoo tokkoo gurgurtaa irratti adabbii hanga Birrii kuma 50 fi yakkaan immoo birrii kuma 25 hanga 50 akkasumas waggaa 3 hanga 5 hidhaa guutuu akka adabsiisu bulchiinsa labsii taaksiin kaa’ameera.

Sadarkaan gurgurtaa galii dhaabbilee kanaa waggoota lamaan darbanitti  waggaatti  Birrii miiliyoona 3 hanga 7 ta’uusaa  beeksisanii turan.

Nagahee malee bittaa fi gurgurtaa ni raawwatu jedhamanii kan adda ba’an keessaa dhiyeessiin galtee ijaarsaa tokko yoo ta’u,   yeroo itti aanutti hordoffii walfakkaataa taasisuun tarkaanfiin cimee akka itti fufu abbaan taayitichaa beeksiseera.

Abbaan taayitichaa duraan dursee daldala sibiilaan dhaabbilee bobba’an irratti tarkaanfii walfakkaataa kan fudhate yoo ta’u,  tarkaanfiin kaleessa fudhate immoo yeroo lammaffaafi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015