Tamsaasni Raadiyoo Jalqabuunsaa Salphaatti Odeeffannoo Kennuu fi Fudhachuuf Ni Gargaara---Jiraattota Magaalaa Roobee

Caamsaa 8/2011 Neetiwoorkiin Biroodkaastiingii Oromiyaa(OBN) naannawa isaaniitti tamsaasa raadiyoo ‘FM’ jalqabuunsaa odeeffannoo salphaatti argachuu fi kennuuf akka isaan dandeessisu jiraattonni magaalaa Roobee yaadasaanii kennan ibsan.

Neetiwoorkiin Biroodcaastii Oromiyaa gamasaatiin baasii birrii miiliyoona 50 oliin godinoota Oromiyaa addaddaatti tamsaasa raadiyoo ‘FM’ fi ijaarsi istuudiyoo ammayyaa  adeemsifamaa akka jiru beeksisaniiru.

Jiraattonni tajaajilli oduu Itiyoophiyaa haasofsiise akka jedhanitti, tajaajilli tamsaasa raadiyoo ‘FM’ jalqabamuunsaa odeeffannoo madaalawaa fi sirrii ta’e battalatti argachuuf isaan dandeessisa.

Jiraattota magaalaa Roobee yaada kennan keessaa obbo Dirribuu Nagaasaa akka jedhanitti, kanaan dura naannawa isaaniitti buufata raadiyoo muraasaan ala tamsaasni Neetiwoorkiingii biroodkaastiingii Oromiyaa naannawasaanii akka hin geenye yaadachiisaniiru.

Buufanni Raadiyoo kun keessumaa duudhaalee hawaasaa gadi bu’aa dhufan cimsuu fi nageenya, misoomaa fi demokiraasii naannawichaa gabbisuuf shoora guddaa akka taphatu kan dubbatan ammoo  magaalattiitti jaarsa biyyaa kan ta’an obbo Ahimad Musxafaati.

Neetiwoorkii Biroodkaastiingii Oromiyaatti qindeessaa dame injiinariingii fi daarektarri itti aanaa dhaabbatichaa obbo Jimaa Tulluu gamasaaniitiin “OBN tamsaasa odeeffannoo si’oomsuudhaan ijaarsa biyyaaf ga’ee mataasaa ba’aa jira” jedhaniiru.

Dhaabbatichi odeeffannoo sirnaa fi qulqullinaan daawwataa fi dhaggeeffataan ga’uuf bajata birrii miiliyoona 50 ol ramadee godinoota Oromiyaa addaddaa tajaajila tamsaasa raadiyoo ‘FM’ f kan oolu bu’ura misoomaa fi ijaarsa istuudiyoo ammayyaa adeemsisaa akka jiru eeraniiru.

 “Baalee Roobeetti jidduu kana tamsaasa kan eegale buufanni raadiyoon ‘FM’ haaraa 96.5 fedhii odeeffannoo hawaasa naannoo guutuun cinaatti ummanni misoomarratti dammaqinaan akka hirmaatu kakaasuuf ni gargaara”jedhaniiru.

Tamsaasni buufata raadiyoo kun godinichatti magaaloota Roobee fi Gobbaa dabalatee Roobeerraa aanaalee kiiloometira 100 keessatti argaman akka qaqqabu dubbataniiru.

Neetiwoorkiin Biroodkaastiingii Oromiyaa wayita ammaa dame tamsaasa raadiyootiin naannoo Oromiyaa keessatti uwwisa dhibbantaa 70 akka qabu kan dubbatan obbo Jimaan, ijaarsarra kan jiran akkasumas hojiin fooyyessaa wayita xumuramu uwwisasaa gara dhibbantaa 75tti akka guddisu agarsiisaniiru.

 “Buufanni raadiyoo  maqaa Baalee Roobee ‘FM’ 96.5 “ jedhamu kennameef Caamsaa 3/2011 irraa eegalee haalonni amma mijatanitti Adaamaatti kan argamu istuudiyoo dhaabbatichaa muummee waliin walitti hidhachuudhaan afaan Oromootiin tamsaasa yaalii jalqabuunsaa ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015