Sababni maallaqa seeraan ala deddeebisuu fi eenyummaa deddeebiftootaa irratti qorannaan adeemsifamaa jira

62

Finfinnee Mudde 26/2011 Itoophiyaa keessatti mul'achaa kan jiru madda seeraan ala maallaqani itti deddeebi'uu fi eenyummaa deddeebiftootaa adda baasuuf qorannaan adeemsifamaa akka jiru abbaan alangaa muummichaa federaalaa beeksise.Komishiniin poolisii federaalaa gama isaatiin maallaqni biyya keessaa fi biyya alaa addaddaa karaa seeraan alaa osoo deddeebi'anii qabuu isaa fi deddeebisiin maallaqaa kun dabalaa dhufuusaa beekseseera.

Abbaa alangaa muummichaatti daayiraktarri yakka daangaa cehanii fi miidhaa biyyarratti geessisanii ob. Fiqaaduu Tsaggaa tajaajila oduu Itoophiyaaf akka ibsanitti, deddeebisuun maallaqa seeraan alaa dabalaa dhufuu isaatiin madda, sababa isaa fi eenummaa yakkamtoota maallaqa deddeebiftootaa ilaalchisee qorannaan adeemsifamaa jira.

Qorannoo kana kan adeemsisan ogeeyyota abbaa alangaa muummichaa, poolisii federaalaa fi nageenyaa fi odeeffannoo biyyaalessaa irraa kan walitti baba'an akka ta;e hubachiisaniiru.

Itoophiyaa keessatti maallaqa biyya alaa kamiyyuu sharafuudhaaf itii gaafatama kan qabu baankii biyyaalessaa dabalatee baankota bakka bu'ummaan kennameef akka ta'e lakkoofsa labsii baankii ittiin hundaa'e 591/2000 irratti tumameera.

Namni labsii kana cabsee argame kamiyyuu hidhaa cimaa waggaa 10-15 ga'uun akka adabsiisu seerri ni ajaja.

Haa ta'u malee yakkamtoonni to'annaa jala wayita oolan addabbiin irra ga'u miidhaa mootummaa fi ummata irraan ga'an waliin wal bira qabamee yemmuu ilaalamu xiqqaadha.

Qorannoon kun kana tilmaama keessa galchuudhaan ulfaatina yakkichaa fi tarkaanfii seera qabeessa fudhatamaa jiru ilaalchisee wantoota sirraa'uu qaban ni ilaala jedhaniiru.

Kana malees maallaqa karaa seeraan argame seera qabeessa fakkeessanii itti fayyadamuun babal'achaa waan jiruuf kanaan wal qabatee yakkamtoota seeraan gaafachuuf seera hojiirra jiru waliin madaaluudhaan tarkaanfiin fudhatamaa jiru barsiisaa akka hin taanes ni ilaalama.

Qorannoo kanaan rakkooleen deddeebisuu namootaa fi meeshaalee waraanaa sadarkaa biyyaatti mul'atanis akka ilaalaman beeksisaniiru.

Adeemsi ragaan ittiin walitti qabamu teekinooloojii ammayyaa kan hin hordofne waan ta'eef bu'aa qorannoo kanaa yeroo dhihootti ifa gochuun akka rakkisu dubbataniiru.

Maallaqa seeraan ala deddeebisuun akka baay'atee fi yakkamtoota to'annaa seeraa jala oolchuun cimee itti fufuusaa kan ibse ammoo komishinii poolisii federaalaati.

Komishinichatti daayirakterri damee ittisa yakkaa dafee qaqqabaa komaandar Ayisaa Daammanaa tajaajila oduu Itoophiyaaf akka himanitti, shakkamtoota maallaqa seeraan alaa deddeebisuu irratti hirmaatan qabuudhaan seeratti dhiheessuun cimee itti fufeera.

Hawaasni qaamolee seeraa waliin ta'uun yakkamtoonni maallaqa seeraa ala deddebisan waliin akka qabaman eeruun taasisaa jiru shoora guddaa akka qabu dubbataniiru.

Baatii afur keessatti poolisii federaalaatiin qofa birriin Itoophiyaa miiliyoona 71 ol, Yuuroo kuma 6 ol, doolaara Ameerikaa kuma 36 ol, akkasumas paawundiin Sudaan Kibbaa kuma 204 fi Paawundiin Sudaan kuma 21 qabuu isaanii mirkaneessaniiru.

Poolisii federaalaatiin alas Gumurukiin, qaamonni nageenyaa naannolee fi komishiniin poolisii finfinnee gamasaaniitiin gocha kana to'achuuf socho'aniiru. Hirmaannaa qaamolee dhimmi ilaaluus hojii kana keessatti cimaa akka ta'e dubbataniiru.

Naannolee biyyattii maallaqni itti deddeebi'an keessaa Jigjigaa, Toogoo Caalee, Samaraa, Mooyyaalee, Miizaan Teeppii, Matammaa akka ta'an eeranii, Naannolee Beenii Shaangul Gumuzii fj Gaambeellaattis baay'inaan ni deddeebi'a jedhaniiru.

Daldala kontirobaandii dabalatee qabeenya seeraan ala horatan miliqsuu fi gaafatamummaa jala ba'uuf yaaliin taasifamu deddeebisuu maallaqaaf madda guddaa akka ta'e dabalanii ibsaniiru.

Itoophiyaanotaan alattis lammiileen biyya alaa deddeebisuu maallaqa seeraan alaa irratti kan hirmaatan yoo ta'u,  lammiileen Nayijeeriyaa, Sudaanii fi Sudaan kibbaa kana keessatti ga'ee guddaa akka qaban beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015