Miseensonni Boordii Guutamuu Dhabuun Hojii Koo Yeroon Akkan Hin Xumurreef Hudhaa Natti ta'e - Boordii Filannoo Biyyaalessaa

132

Finfinnee Caamsaa 7/2011 Miseensonni boordii guutamuu dhabuun hojii koo yeroon akkan hin xummurreef hudhaa natti ta'e jechuun boordiin filannoo biyyaalessaa beeksise.

Hojiin boordichaan hojjatamuu qabu duubatti harkifachuun isaa ni beekama. Fakkeenyaaf dhimmi gaaffii naannoo ta'uu ummata Sidaamaa ji'a shan dura dhiyaatus miseensoonni boordii guutamuu dhabuun duubatti harkifachuu danda'uun isa himameera.

Boordichi kana kan jedhe koreen dhaabbii dhimma seeraa, haqaa fi demokraasii mana marichaa raawwii hojii baatii 9 bara baajataa 2011 yeroo qoratetti dha.

Dura teessuun boordii filannoo biyyoolessaa adde Burtukaan Miidhagsaa yeroo kana akka jedhanitti ji'oota darban 9tti boordichi amantaa ummata biraa dhabee ture deebisuuf hojiin seera fooyyessuu fi riifoormiiwwan adda addaa hojjatama tureera jedhaniiru.

Paartilee waliin marii taasisuu, sanada waadaa qopheessuu fi galmeen paartilee siyaasaa hojii amma ammaatti hojjatamaa ture ta'uu eeranii, filannoo ifa, bilisaa fi ummata biratti amantaa qabu gaggeessuuf hojjatamaa jiras jedhaniiru.

Gaafiin dhimaa nannoo ta'u ummata Sidaamaa ji'a 5 duraa dhiyaachuu isaa kan dubbatan adde Burtukaan gaaffiin kun kan dhiyaates isaan hojii eegalanii torbee tokko keessatti ta'uus himaniiru.

Gaaffiin kunis hojmaata kana dura tureen kan deebi'u osoo hin taane karaa ifaa fi bilisa ta'een ta'uun akka irra jiraatu himanii, hojii kana hojjachuufis yeroo bal'aa akka gaafatu himanii jiru.

Dhima galmee paartilee siyaasaa ilaalchisees paartileen seera hunda guutanii galmaa'an 16 yemmuu ta'an isaan seera wallakkaan guutanii galmaa'an waliin ammoo 66 ta'u jedhaniiru.

Miseensonni boordii filannoo Itiyoophiyaa kan duraan ture 9 irraa gara 5ttii akka gadi bu'u labsiin haa ba'u malee ammas miseensonni kunneen muudamanii gara hojiitti hin galle jedhan adde Burtukaan.

Kunis boordichi hojii isaa guutummaan akka hin hojjanneef hudhaa itti ta'uu isaa himanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015