Aramaan Imboci haroo Abbayyaa heektaara kuma 2 caalu irratti babal'achaa jira

79

Arbaaminci Mudde 25/2011 Aramaan Imboci haroo Abbayyaa irratti mul'ate kutaa haroo kanaa heektaara kuma 2 caalu irratti babal'achuu isaa waajjirii bosonaa fi eegumsa naannoo Godina Gaamoo beeksise. 

Walakkeessa baatii dhufuu irraa eegalee kutaalee hawaasaa adda addaa hirmaachisuudhaan aramaan kun duulaan akka buqqifamu beekameera. 

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Gaanburaa Gaantaa Tajaajila Oduu Itoophiyaaf akka himanitti, bara 2009 haroo Abbayyaa irratti kan mul'ate aramaan Imboci babal'achaa dhufee wayita ammaa kutaa haroo kanaa heektaara kuma 2 ol uwwiseera.

Kana malees aramaan kun sanyiiwwan biqiltuu naannawa haroo kanaa jiran balleessuudhaan qabiyyee haroo kanaarratti miidhaa guddaa geessisaa akka jiru hubachiisaniiru.

Akka ibsa kanaatti, aramichi  haroon kun ifa aduu ga'aa ta'e  akka hin arganne gochuun isaa sanyiiwwan beelladaa bishaa keessatti argamanii irratti miidhaa geessisaa jira.

Aramaan Imboci kun wantoota summaa'aa ofkeessaa kan qabu waan ta'eef beelladoonni manaafi bosonaa nyaatanii du'aa akka jiranii fi lubbu qabeeyyii irrattis rakkoolee hedduu geessisaa akka jiru hubachiisaniiru.

Haroo kana badiirraa hambisuuf naannawa Arbaamiincii fi aanaalee Abbayya lixaa irraa kutaalee hawaasaa kuma 10 ol hirmaachisuudhaan heektaara 36 irra kan ture balleessuun yoo danda'amellee, jijjiirama biyyattii keessatti dhufeen wal qabatee waldhabdee uumameen hojiin kun addaan cituu isaa obbo Gaanburaan ibsaniiru. 

“Haroo kana aramaa Imboci irraa yeroodhaan to'achuun yoo hin danda'amne akka hin banne wabii hin qabu"kan jedhan itti gaafatamaan kun, walakkeessa baatii Amajjiitii kaasee duulli aramaa kana balleessuuf taasifamu baatii 4f akka adeemsifamu dubbataniiru. 

Aramaa kana balleessuuf maashiniin akka hin barbaachifne ibsanii, hawaasnii fi dhaabbileen naannawa kanaa akka hirmaatan beeksisaniiru.

Lixa Abbayyaa ganda Algee barreessaan "waldaa qurxummii qabdootaa salaa"dargaggoo Mogos mokonnon aramaan kun yeroo gabaabaa keessatti hatattamaan qaama bishaan kanaa uwwisaa akka dhufe taajjabuu isaa Tajaajila Oduu Itoophiyaaf ibseera.

"Kunis oomisha qurxummiirratti miidhaa geessisuu irra darbee kutaalee hawaasaa jireenya isaanii haroo kana irratti hundeeffatan yaaddoo keessa galcheera" jedheera.

"Aramaan kun walxaxuudhaan margi akka hin margine waan taasiseef naannawa haroo kanaatti margi loon dheedan badaa jira" kan jedhan ammoo aanaa naannawa Arbaamiinci ganda qonnaan bulaa Caannii Miilleetti qonnaan bulaa Baabannaa Zaawwaa ti.

Dhaabbilee mit-mootummaa keessaa qindeessaan"Maltii miidiyaa Akiyaa" dargaggoo Faaris Nugusee gama isaatiin, haroon Abbayyaa qabeenya biyyaa waan ta'eef mootummaa qofaan tursiisuun akka hin danda'amne dubbateera.

Qabeenyi kun kan hundaa waan ta'eef kutaan hawaasaa hundi duula Amajjii dhufu gaggeeffamu irratti akka hirmaatu dargaggoota magaalaa Arbaamiinci qindeessaa akka jiran ibsaniiru.

Haroon Abbayyaa kiiloomeetira iskuweerii kuma 1 fi dhibba 1 fi jaatama kan bal'tu yoo ta'u, Itoophiyaa keessatti bal'ina isaatiin haroo Xaanaatti aanee sadarkaa lammaffaa irratti argama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015