Haroon Basaqaa Sodaarraa gara misoomaatti ce’aa jira

105

Caamsaa 7/2011 Saffisaan babal’ataa magaalaa Matahaaraaf sodaa ta’aa kan ture haroon Basaqaa gara misoomaatti ceesisuuf yaaliin jalqabame bu’a qabeessa ta’uusaa jiraattonni magaalichaa ibsan.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Matahaaraa gama isaaniitiin gama gaalana kanaan sodaan ture hir’isuu isaatiin abbootiin qabeenyaa gara naannichaa dhufanii hirmaannaa misomaa akka taasisan waamicha dhiyeessan.

Galaanni kun bara 1966 A.L.I bakka xiqqoodhaa burquu akka jalqabee fi waggoota 45n darbaniif saffisaan babal’achuun jiraattota magaalichaa uwwisuu danda’a sodaa jedhu keessa galchaa turuu isaa odeeffannoon waajjira dhimmoota komunikeeshinii mootummaa magaalichaatii argame ni agarsiisa.

Waajjirichatti ogeessi komunikeeshinii obbo Gazzaalii Hasan akka ibsanitti, haroon kun hanga bara 2004 A.L.I lafa heektaara kuma 1 fi 278 uwwisuun giddugala dargaggootaa, mana brumsaa sadarkaa 2ffaa, waajjira eegumsa fayyaa, bakka furdisa loonii, mana galmaa dhuunfaa fi mootummaa diiguun buqqiseera.

Yeroo ammaa kana gara laga Awaashitti akka galuuf sararri hojjetamuun akka afuura baafatu taasisuun sodaan magaalichaa hir’isuu/furamuu isaa dubbatan.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa matahaaraa adde Yaalkoo Fantaalee haroon Basaqaa baay’eewwan kan buqqisee fi magaalaatti siquun soda uumee kan ture ta’us amma garuu gara  laga Awaashitti akka galu taasifamuusaatiin ummanni boqonnaa akka argate hubachiisaniiru.

Naannichatti namoota 600f bakka mana jireenyaa fi kaartaa fi pilaaniin kennameefii akka turee fi sababa galaaanichi bal’ateen naannoon kun bishaaniin miidhamuun rakkataa turaniiru.

Galaana kanaan ni miidhama jedhamee sodatamaa kan ture naannawaa kutaa ja’a jedhamutti jiraattota argaman kaasuuf karoorri ture furmaata argameen bakka jiran akka turanii fi tasgabbaa’anii jireenya idilee isaanii akka gaggeessan taasifameera jedhan.

Galaanni kun yeroo ammaa sodaarraa gadhiifamee miidhagina magaalichaa fi madda misoomaa taasisuuf akka ta’e kan ibsan kantiibaan kun, naannawaa galaanichaatti  giddu gala bashannanaa ijaaruun giddina turiizimiif ga’ee isaanii akka ba’aniif abbootii qabeenyaaf waamicha taasisaniiru.

Magaalaa matahaaraatti jiraataa ganda 02 kan ta’an obbo Wubsheet Masfin yaada kennaniin yeroo ammaa kana gargaarsa mootummaan jiraattonni sodaarraa boqotaniiru.

Galaanichaaf sararri afuura baafachiisaa waan ijaarameef yeroo gannaarraan kan hafe ji’oota bonaa wanti nama sodaachisu akka hinjirre kan ibsan obbo Wubsheet, caffee biqilchuu aka jalqabe, Qurxummii fi Naachi baay’inaan argamaa jiru jedhan.

 Galaanni kun haalaan yoo misoome akka matahaaraan Awaasaa fi Baahirdaar magaalaa bakka bashannanaa hawwataa qabu taasisuun ni danda’ama.

Bishaan kun gara laga Awaashitti gadhiifamuun isaaa jiraattotaa fi misooma Awaash gara gidduu fi gadiirratti dhiibbaa qabaachuu danda’aa? Jedhamee hoji gaggeessaa abbaa taayitaa jallisii Awaash obbo Abajjee Mangashaa gaafatamanii deebii kennaniin, galaanicharraa bishaan madaalamee gadhiifamu  miidhaa geessisu hin qabu.

``Bishaan galaanichaa yeroo gara yerootti qulqullinni isaa fooyya’aa dhufuun filannoo tajaajila misooma jallisiif oolu barbaadamaa akka jiruu fi kanaa booda galaanni Basaqaa eebba malee soda ta’uun itti hin fufu`` jedhan.

Qorataan giddugala qorannoo qonnaa warar obbo Ashannaafii Warquu akka ibsanitti,  qulqullinni bishaan Basaqaa  gudataa dhufuu isaa fi adeemsaan misooma jallisiif ooluu akka danda’u qorannoon mikanaa’uu isaa hubachiisaniiru.

Finfinnee hanga Awaash gadii Afambootti waggaatti yeroo 4 agarsiiftuu qulqullina bishaan laga Awaash akka fudhatamu ibsanii,  hangi qulqullina bishaan galaana Basaqaas  desi sayimanii 7 tuqaa 4 irraa  gara 3 tuqaa 2tti  hir’isuun fooyya’insa agarsiisaa akka jiru dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015