Quunnamtiin hawaasaa yaa’ii hoggantootaa gamtaa Afriikaa 36rratti Itiyoophiyaa fi paan Afriikummaa calaqqisiisuun ga’eesaanii akka bahan waamichi dhihaate

83

Amajjii 27 bara 2015( TOI) – Dhaabbileen quunnamtii hawaasaa yaa’ii hoggantootaa gamtaa Afriikaa 36rratti Itiyoophiyaa fi paan Afriikummaa calaqqisiisuun ga’eesaanii akka bahan  ministeerri dhimmi alaa waamicha dhiheesse.

Yaa’ii hoggantootaa gamtaa Afriikaa 36ffaa fi walgahii mana marii raawwachiiftotaa 42ffaa ilaalchisuun koreen miidiyaa qooda fudhattoota garagaraa afeeruun hoggantoota miidiyaa waliin marii adeemsiseera.

Marichi ogeessonni miidiyaa yaa’iin dura, yaa’icharrattii fi yaa’iin booda hjii irratti ramadaman irratti hojmaataa hordofuu qabanii fi dhimmoota pirootookoolii irratti kan xiyyeeffatedha.

Ministeera biyya alaatti muudamaan olaanaa itti aanaa dhimma  pirootookoolii Makbib Nagaash ogeeyyonni miidiyaa maalummaa biyyasaanii calaqqisiisuun itti gaafatama dippilomaasii lammummaasaanii akka bahan gaafataniiru.

Itti aanaa bakka bu’aan dubbi himaa ministeera dhimmi alaa ob. Salaam Mulugeetaa gamasaaniin yaa’iin kun Itiyoophiyaan walitti bu’iinsa kutaa kaabaa Itiyoophiyaatti uumamee ture dhaabsisuuf  waliigaltee taasisuun yeroo hojiirra oolchaa jirtutti ta’uunsaa hubannii addaa akka qabaatu taasiseera jedhaniiru.

Dhaabbileen miidiyaa agabaasa barreessan irratti milkaa’ina kana irratti kan hundaa’ee fi yaadota paan Afriikaanummaa kanneen biroo fi mata duree yaa’ichaa walitti hidhiinsa daldalaa bilisaa ardichaa si’achiisuurratti yaa’iin duraa  irraa kaasee amma yaa’iin boodaatti xiyyeeffannoo akka kennan gaafataniirru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015