Ministeerri galiiwwanii kafaltoota gibiraarraa karaa teeleebirrii birrii biiliyoona 70 sassaabuuf karoorsuusaa ibse

111

Amajjii 25/2015(TOI) – Ministeerri galiiwwanii waggaatti gibira sassaabu birrii biiliyoona 450 keessaa birrii biiliyoona 70 karaa teeleebirrii sassaabuuf karoorsuusaa ministirri galiiwwanii Ayinaalem Nugusee ibsan.

Ministirri galiiwwanii Ayinaalem Nugusee, gibira waggaatti sassaabamu birrii biiliyoona 450 keessaa birrii biiliyoona 70 karaa teeleebirrii sassaabuuf  karoorfamuusaa ibsaniiru.

Kafaltii gibiraaf teeleebirrii filmaata godhachuun hojmaata hatattamaa, si’ataa fi ammayyaa diriirsuu bira darbee hojmaatilee badaa hanbisuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru.

Kana malees kafalaan gibiraa yeroon gibira kafaluu dhabuun adabbii irra gahu akkasumas komiiwwan ka’an kan hanbisu hojmaata ammayyaa ta’uu ministirittiin ibsaniiru.

Hojii raawwachiiftuun Itiyootelekoom Fireehiywoot Taammiruu, Itiyoophiyaa dijitaalaa dhugoomsuuf ijaarsa bu’uura misoomaa qofa osoo hinta’iinteeknooloojii fayyadamuun barbaachisaa ta’uuibsaniiru.

Hojmaatilee durii Kanaan dura turan jijjiiruu fi fooyyessuun ammooijaarsa dinagdee dijitaalaaf bu’uura ta’u jedhaniiru.

Kafaltoonni gibiraa ministeera galii Waliin karaa teeleebirrii gibirasaanii akka kafalan gochuuf waliigalteen taasifame hojmaata damichaa ammayyaa fi si’ataa taasisa jedhan.

Kanaaf kafaltoonni gibiraa karaa tajaajila intarneetii, appilikeeshinii moobaayilii teeleebirrii ykn karaa lakkoofsa gabaabaa *127# bakka jiranirraa bu’aa bayii tokko malee kafaluu nidanda’u jedhaniiru.

Daldaltoonni karaa teeleebirrii bittaa fi gurgurtaa raawwatan maallaqa bittaa fi gurgurtaarraa sassaabanirraa kallattiin haalli itti kafalan mijaa’uusaa dubbataniiru.

Itiyoophiyaatti lakkoofsi maamiltoota teeleebirrii miiliyoona 28 tuqaa 2 kanqaqqabe yoo ta’u, bakka bu’oonni gurguddoo 112, bakka bu’oonni kuma 98 fi daldaltoonni kuma 25 fayyadamuurratti argamu.

Erga tajaajilli teeleebirrii eegalee kaasee amma ammaatti bittaa fi gurgurtaan birrii biiliyoona 263 ol ittiin raawwatamuu odeeffannoowwan ni eeru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015