Itiyoo-Telekoom fi ministeerri galiiwwanii kafaltii gibiraa karaa teeleebirrii sassaabuuf waliigaltee mallatteessan

362

Amajjii 25/2015(TOI) - Itiyoo-Telekoom fiministeerri galiiwwanii kafaltii gibiraa karaa teeleebirrii sassaabuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigalteen kun ministeera galiiwwaniif galii gibiraa fi buusii sooramaa hojjettoota dhuunfaa, kafaltii taaksii federaalaa yeroon sassaabuu fi si’eessuuf shoora guddaa akka qabaatu ibsameera.

Fedhii filmaata kafaltii kafaltoota gibiraa yeroo yeroon guddachaa dhufe salphaa fi amansiisaa gochuun fayyadamtoonni teeleebirrii akkaawuntiisaanii dhuunfaa ykn dhaabbataarraa karaa appilikeeshinii teeleebirrii ykn karaa lakkoofsa gabaabaa *127# bakka jiran taa’anii gibirasaanii salphaatti kafaluu akka isaan dandeessisu himameera.

Daldaltoonni karaa teeleebirrii bittaa fi gurgurtaa raawwatan maallaqa bittaa fi gurgurtaan sassaabanirraa kallattiin gibira kafaluu haalli itti danda’an mijateera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015