Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee gamaaggama raawwii hojii ji'oota jahaa gaggeessaa jira.

214

Amajji, 25/2015(TOI) - Miseensonni kaabinee bulchiinsa magaalaa Finfinnee bakka Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee argamanitti gabaasa raawwii hojii bulchiinsa magaalichaa gamaggamaa jira.

Gamaggama kanaan miseensoonni Kaabinee bulchiinsa magaalichaa dhaabbilee hoogganaan keessatti ergama itti kenname akkaata karoora isaaniin raawwachuu isaaniifi gaaffii bu'uura uummataa deebisu, akkasuma rakkoo dinagdeefi hawaasummaa uummata keessa jiru furuu keessaatti hanqinoota jiraniifi ciminoota jiran bal'inaan kan gamaggamaa jiru ta'uu Waajjirri Kantiibaa magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015