Hojiin gamoo dallaa Jegol daawwattootaaf mijataa taasisuuf eegalame cimee itti fufa

126

Amajji, 24/2015(TOI) - Hojiin dallaa Jegol daawwattootaaf mijataa taasisuuf hojjetamaa jiru cimee kan itti fufu ta'uu pirezidaantiin naannoo Hararii obbo Oradiin Badirii himan.

Pirezidaanitichi guyyaa har'aa hojii misooma magariisaa naannoo dallaa Jegolitti lafa kaaree meetira kuma 6 fi 114 irratti hojjetame eebbisaniiru.

Haasaa sirna kanarratti taasisaniin obbo Oradiin akka himanitti Gamoon dallaa Jegol jarraa 16ffaa kan ijaarame yoo ta'u akka ambaa addunyaatti UNESCOtti galma'ee kan jiru yoo ta'u baroota hedduuf ijaarsa seeraan alaafi bollaa bishaan qotamuun balaaf saaxilamaa turuu himaniiru.

Mootummaan naannichaa hambaa kana kununsuuf koree hundeesuun hojii hojjeteen hambaa kana badirraa baraaruu danda'uu himaniiru.

Naannaawwaa gamoo dallaa bakka balfi itti gatamu sadarkaa ta'uurra gahee akka ture yaadachiisanii, tarkaanfii mootummaan naannichaa fudhateen dargaggootaaf carraa hojii uumuun naannawaan gamoo kanaa daawwattootaafi jiraattotaa magaalichaaf bakka mijataa akka ta'u taasiseera jedhaniiru.

Hojiin qulqullinaa fi misooma magariisaa naannoo gamoo dallaa Jegolitti jalqabame kana gara kutaa keessoo gamoo dallaa kanaa akkasumas magaalaattii bakka hundaatti babal’isuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu himaniiru.

Akkasumas maanguddoonni, abbootiin amantaa, dargaggoonni fi hawaasni guutuun hojii eegumsa hambaalee eegalame kana keessatti hirmaachuu cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Hogganaan mana qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Harar Obbo Ismaa'eel Yuusuf biqiltoonni magariisaa naannoo gamoo dallaa Jegoliitti dhaabaman jijjiirama qilleensaa magaalichaaf gumaacha guddaa akka taasisan ibsaniiru.

Naannawaa gamoo dallaa kanaatti hojiin misooma magariisaa lafa kaaree meetira kuma 6 fi 114 irratti hojjatamuu himanii, magaalattii magaalaa jireenyaaf mijatu taasisuuf hojiilee jalqabaman cimsinee itti fufna jedhaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015