Ministirri muummee Abiyyi Ahimad loltoota Itiyoophiyaa gamtaa Afriikaa jalatti hiriiruun Alshabaab barbadeessuuf hirmaachaa jiran waliin mari’atan

109

Amajjii 24/2015 (TOI) - Ministirri muummee Abiyyi Ahimad loltoota Itiyoophiyaa gamtaa Afriikaa jala ta’uun Alshabaab barbadeessuuf hirmaachaa jiran waliin mari’achuusaanii ibsaniiru.

Miseensonni raayyaa ittisaa Alshabaab dhabamsiisuuf gamtaa Afriikaa jalatti hiriiruun ergama fudhachuun kan hojjetan ta’uu ministirri muummee Abiyyi beeksisaniiru.

Ministirri muummee fuula marsariitiisaaniirratti ergaa barreeffamaan dabarsaniin “ganama har’aa miseensonni raayyaa ittisaa keenya Moqaadishootti argaman gamtaa Afriikaa jalatti hiriiruun raawwii ergamasaanii bahuuf taasisan ilaalchiisuun ibsa argachuuf carraa argadheera” jedhaniiru.

Afriikaa bahaatti duula Alshabaab waraanuuf taasifamu cimsuuf waltajjii riijinii Somaaliyaatti adeemsifamurratti hirmaachuuf Moqaadishoo dhaquunsaanii niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015