Dubartoonni qorannoo kaansariin duraa qaama gadameessaa gochuun fayyaasaanii eeggachuu qabu-doktar Liyaa Taaddasaa

120

Amajjii 24/2015 (TOI) - Dubartoonni qorannoo kaansariin duraa qaama gadameessaa gochuu fayyaasaanii eeggachuu akka qaban ministirri fayyaa doktar Liyaa Taaddasaa hubachiisan.

Baatii hubannoo qabsiisuu kaansarii qaama gadameessaa ilaalchisuun doktar Liyaa Taaddasaa fuula marsariitiisaaniirratti ergaa dabarsaniin dhibeen kaansarii dursee yoo beekame miidhaa cimaa osoo hin gaassisiin  yaalamuun akka danda’amu ibsaniiru.

Keessumaa dubartoonni umuriinsaanii waggaa 30 amma 49 tajaajila qorannoo kaansariin duraa qaama gadameessaa hoospitaalotaa fi buufataalee fayyaa keessatti kennamu argachuun fayyaasaanii akka eeggatan waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015