Mariin dhimmoota wayitaawaa biyyaalessaa fi magaalaa irratti xiyyeeffate Finfinneetti gaggeeffameera

165

Amajji, 23/2015 (TOI) - Mariin dhimmoota wayitaawaa biyyaalessaa fi magaalaa irratti xiyyeeffate Finfinneetti gaggeeffameera.

Marii kana Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faraaha fi kantiibaan magaalaa finfinnee dursaa kan turan yoo ta'u erga jijjiirama as hojiiwwan magaalichatti hojjetamanii, qormaataa fi furmaata irratti hundaa’uun qormaata yeroo ammaa mudachaa jiru akkamitti akka irra aanuu danda’umarratti xiyyeeffachuun mariin gaggeeffameera.

Magaalaan Finfinnee pirojektoota gurguddaa hedduu ijaaruun miidhagina magaalattii jijjiiruu kan danda'ame yoo ta’u, bu’aan hojiiwwan misoomaa nama irratti xiyyeeffatanii rakkoo ummataa salphisan galmaa’uu kantiibaa Adaanech himaniiru.

Hojii hojjetame keessatti bu’aa ba’ii hedduun mudatanis bu'aa ba'ii kana ogummaa fi cimina guddaadhaan uummata hirmaachisuun hojjechuun waan danda'ameef milkaa'inni guddaan argameera jedhan.

Hirmaattonni marii kanarratti hirmaatanis hojii bu'a qabeessa magaalichatti hoggansi gahee isaa bahuu isaa eeranii, milkaa’ina argame irraa barachuun gara fuula duraatii hojii caalmaa qabu hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Hoggansi bulchiinsa magaalichaa harki caalaan imaanaa itti laatame bahachuuf yaalii gochaa kan jiru ta’us, hooggantoonni fi hojjettoonni mootummaa tokko tokko saamicha lafaa fi hojiiwwan hannaa biroo keessatti hirmaachaa jiraachuu himaniiru.

Humnoota finxaaleyyii miidiyaa hawaasumaa fayyadamuun hawaasa walitti buusuuffi uummannifi mootummaan amanummaa akka walirraa hin qabaanne oduu sobaa tamsaasaa jiran irratti mootummaan tarkaanfii fudhachuu qaba jedhaniiru.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee gamasaaniitiin qabsoo farra hannaa, haaromsa eegalameen tajaajila mootummaa ammayyaa fi siataa taasisuuf hojiin eegalame cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru. Kanneen oduu sobaa facaasan irrattis tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu himaniiru.

Obbo Adam Faraah akka jedhanitti, finxaaleyyiin bifa amantiin ykn gosa fayyadamuun, shakkii fi wal hubachuun akka hin jiraanne gochuuf yaalan badhaadhina keenyaaf balaa waan ta'eef, yaadaa fi gocha isaanii irratti qabsaa'uu qabna.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015