Yaa’iin biyyaalessaa Hararii gaggeeffamaa jira

91

Amajjii 23/2015(TOI)- Yaa’iin biyyaalessaa Hararii yaa’iisaa idilee marsaa jaahaffaa waggaa 2ffaa idilee 1ffaa guyyaa har’aa gaggeessuu eegaleera.

Yaa’iin biyyaalessaa kun qaboo yaa’ii marsaa 6ffaa waggaa 1ffaa walgahii 2ffaa kan raggaasise yoo ta’u raawwii hojii baatii jahaa aadaa hambaa fi tuuriizimii dhaggeeffachaa jira.

Yaa’iin biyyaalessaa Hararii raawwii hojii baatii jahaa aadaa hambaa fi tuuriizimii akkasumas raawwii hojii biiroo barnootaa naannichaa irrattis nimari’ata.

Yaa’iin biyyaalessaa Hararii aadaa fi afaan saba Hararii ilaalchisuun imaammataa fi seera kan baasu, eegumsa hambaa ilaalchisee seera kan baasu ta’ee yaa’ii teessoo 14 qabudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015