Rakkoon tasgabbii Beeniishhagulii fi Oromiyaa bakka addaddaatti mudataa ture hiikame

58

Asoosaa Mudde 24/2011 Naannawa daangaa naannolee Beeniishaangulii fi Oromiyaa rakkoon tasgabbii quunnamaa turetti  nageenyi bu’uu isaa komaandi poostiin rakkoo kana hiikuuf hundaa’e beeksise.

Komaandi poostichi Tajaajila Oduu Itoophiyaaf ergeen akka beeksisetti, godinoota bahaa fi lixa Wallaggaa, Qeellamii fi Horro Guduruu Wallaggaa, Iluu Abbaabooraa fi Buunnoo Baddalleetti akkasumas Beeniishaangul Gumuuz Kamaashii fi Maa’oo Koomootti humnoonni hidhatan badii  geessisaa turaniiru.

Gocha kanaanis badii humna namaa fi manca’uu qabeenyaatiif sababa ta’uurra darbanii jiraattonni  iddoo jiranirraa akka buqqa’an ,  sochiin naannoo kanneenii akka daanga’u gochuudhaan rakkoo diinagdee fi hawaasummaa uumuu isaanii komaandi poostichi beeksiseera.

Jalqaba baatii Mudde bara 2011 darberraa eegalee hojii isaa ifatti kan jalqabe komaandi poostichi, dhimmicharratti hawaasa haasofsiisuudhaan hirmaachisuuf yaalii taasiseera.  

Naannoowwan kanneen jeeqaa kan turan humnoonni seeraan ala meeshaa waraanaa hidhatan nagaadhaan harka isaanii akka kennatan kan taasise yoo ta’u, kanneen fedhii hin agarsiifne ammoo faana dhahuudhaan tarkaanfii isa dhumaa fudhachuu isaa hubachiiseera.

Humnoota badiif bobba’an hedduu to’annaa jala kan oolche yoo ta’u, meeshaalee waraanaa fi maallaqa miiliyoonaan lakkaa’amu kan badiif itti fayyadaman to’annaa jala oolchuu isaas komaandi poostiin ibseera.

Tarkaanfii fudhatame hordofuudhaan wayita ammaa naannoowwan kanneenitti cufamanii kan turan daandiiwwan, manneen barumsaa, dhaabbileen fayyaa, baankiin dhaabbileen daldalaa fi kanneen biroos guutummaatti hojii akka eegalan, hawaasnis yaaddoo malee hojiisaa hojetachaa  akka jiru komaandi poostichi dubbateera.

Meeshaaleen seeraa alaa fi maallaqni to’annaa jala oole yeroo dhihootti ummataa akka ibsamu komaandi poostichi ibsee, nagaa buusuuf yaalii godhama ture keessatti deeggarsi hawaasaa iddoo guddaa kan qabu ta’uu fi deeggarsi kun cimee akka itti fufu gaafateera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015