Ji'oota jahaan darban galiin birrii biiliyoona 226 walitti qabame

100

Amajji, 17/2015(TOI) Bara baajataa kanatti ji’oota jahan darbangaliin birrii biliyoona 226tti dhihaatu walitti qabamuu ministeerri Galiiwwanii beeksise.


Galii walitti qabamee keessaa galiin biyya keessaa walitti qabame dhibbeentaa 60.8 kan qabu ta'uunis himameera.


Ministirri Galiiwwanii aadde Ayinaalem Nugusee midiyaaleef ibsa kennaniin akka ibsanitti bara baajataa kanatti ji’oota jahan darban galii gibira biyya keessaafi daldala alaarraa birriin biiliyoona 225fi miiliyoona 933 walitti qabamuu himaniiru.


Galiin walitti qabame kunis akkataa karoora qabameen yoo madaalamu dhibbeentaa 99 galmaan gahuu eeranii bara darbe yeroo walfakkaatuun wal bira qabamee yoo ilaalamu guddina dhibbeentaa 31.89 akka qabu himaniiru.


Galii walitti qabame keessaa galiin biyya keessaa birrii biiliyoona 138.8 yoo ta’u, kunis galii waliigalaa keessaa dhibbeentaa 60.8 ta’a.


Odeeffannoo Ministeera Galiiwwanii irraa argame akka mul’isutti, daldala al-ergii fi gibira irraa birrii biiliyoona 87.1 argamuu ministeerittiin ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015