Hayyoonni biyya badhaate ijaaruuf tumsa barbaachisaa taasisuu qabu

111

Amajjii16/2015(TOI) - Hayyoonni furmaata jajjaboo maddisisuun ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaanii bahuu akka qaban Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiyyi Ahimad gaafatan.

Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad, Hayyoota yuunivarsitiiwwan biyyattii garagaraarraa walitti babba’an waliin mata duree “Gahee hayyootaa badhaadhina biyyaaf” jedhuun mari’ataniiru.

Hayyoonni biyya fooyyoftuu ijaaruuf, hirmaannaa barbaachisaa taasisuu akka qaban akeekaniiru.

Dhiibbaawwan hawaasummaa fi diinagdee garagaraa Itiyoophiyaa mudataa jiran hubachuun, fedhiiwwan isaanii haalota qabatamaan walsimsiisuu fi furmaatawwan jajjaboo maddisiisuun gahee caalu taphachuu akka qaban dhaaman.

Hirmaattonnis, adeemsa baruu fi barsiisuu keessatti akkasumas misooma, nageenyaa fi tasgabbii biyyaarratti gaaffilee garagaraa dhiyeessuun bal’inaan mari’atameera.

Dhimmoota ijoo hirmaattotarraa ka’an ilaalchisees qaamoleen dhimmichi ilaallatu hordoffii akka taasisan kallattii kaa’uusaanii ragaan Waajjira Ministira Muummee irraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015