Haroon Abjaataa Waggoota Shanii Fi Jahan Dhufan Keessatti Baduu Ni Danda’a --- Paarkii Biyyaalessaa Haroowwan Abjaataa Fi Shaalaa

86

Caamsaa 5/2011 Simbirroota baqattoota Awurooppaa fi Isiyaa irraa dhufaniif dahannoo ta’ee kan tajaajilu haroon Abjaataa haala naasisaa ta’een gogaa akka jiru itti gaafatamaan paarkii biyyaalessaa haroowwan Abjaataa fi Shaalaa ibsan.

Itti gaafatamaan paarkichaa obbo Baankii Budamoo tajaajila oduu Itiyoophiyaaf akka himanitti haroon kun kanaan dura bal’ina karee kiiloomeetira 194 kan qabu yoo ta’u, yeroo ammaa walakkaadhaa ol hir’achuudhaan karee kiiloomeetira 80 gadi bu’eera.

“ Gadi fageenyisaas haala nama naasisuun meetira 14 irraa gara meetira 2tti gadi bu’uusaa itti gaafatamaan kun ibsanii, haala kanaan itti fufnaan waggoota shanii fi jaahan dhufanitti guutummaatti dhabuu ni dandeenya” jechuun yaaddoosaanii ibsaniiru.

“ Kanaaf ammoo sababni laggeen gara haroo Shaalaatti yaa’an dhiibbaa misooma jallisiitiin waan citaniif, warshaan soodaa aash kallattiidhaan paampiidhaan harkisuun bishaan haroo kanaa waan fayyadamu ta’uusaa fi haphachuu bosonaarraa kan ka’e haroon kun dalaliidhaan guutamuusaati” jedhaniiru.

 Sababni walitti bu’iinsaa bosona mancaasanii cilee baasuu fi cirracha baasuu akka dhiisan wayita itti himamu eeyyamamaa ta’uu dhabuudhaan haleellaa geessisuuf ka’uusaaniitiin ta’uusaas hubachiisaniiru.

"Haroo kana baraaruun kan danda'amu misoomni abaaboo misooma jallisiirratti bobba'an laggeen gara harootti yaa'anirratti osoo hin ta'iin bishaan lafa jalaa gabbisanii akka fayyadaman gochuudhaan , misooma qabeenya uumamaa bal'inaan adeemsisuu, namoonni paarkicha keessa jiraatan bakkuma jiranitti bosona ciruurraa akka of qusatanii fi miira itti gaafatamummaatiin haroo kana akka eegan kakaasuudhaani" jedhaniiru.

Hojiirra oolmaa furmaata kanaaf bulchitoonni godinoota Arsii lixaa fi Shawaa bahaa, abbootiin Gadaa, Qeerroowwanii fi qaamoleen dhimmi ilaalu deeggarsa gochuu jalqabuusaanii itti gaatti gaafatamaan kun akka gaariitti kaasaniiru.

Warshaan Soodaa Aash bishaan lagicharraa harkisee itti fayyadamu addaan kutuu isaa fi dhaabbanni misoomni abaaboo sheer Itiyoophiyaaa bishaan laga Bulbulaarrraa fayyadamu hir'isuunsaa Haroo kana baraaruuf ga'ee guddaa ni qabaata abdii jedhu kenneera.

Haroowwan Abjaataa fi Shaalaa keessa Itiyoophiyaa qofatti kan argaman dabalatee Filaamiingoo fi Peeliikan kan fafakkaatan sanyiiwwan sinbiraa 463 ni argamu.

 Bulchiinsi Arsii Nagallee ummata qindeessuudhaan paarkii kana baraaruuf yaalii barbaachisu akka taasisu ibsanii, bal'inni rakkinichaa humna naannawaatii ol waan ta'eef mootummaa federaalaa dabalatee hoggantoonni naannoo fi godinaalee yaalii qindaa'e akka taasisan waamicha dhiheessaniiru.

Walitti qabaan abbootii Gadaa Nagallee Arsii Utaawaayyuu Abbaa Gadaa Tufaa Daraarsuu yaada kennaniin, abbootiin Gadaa naannawa kanatti argaman karaa cimina qabuun ummata qindeessuudhaan paarkii biyyoolessaa kana badiirraa hambisuuf socho'aa jiru.

"Dargaggoota 700 ijaaruudhaan paarkicha akka eeganii fi hojii eegumsa naannoo hojjechuudhaan fayyadamaa akka ta'an bobbaafneerra" jechuun dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015