Imaammaanni Barnootaafi Leenjii haaraan damee barnootaarratti dhimmoota jijjirama fiduu danda'an kan of keessatti hammatedha

283

Amajji, 15/215(TOI) - Ministeerri Barnootaa imaammaanni Barnootaafi Leenjii haaraan damee barnootaarratti dhimmoota jijjirama fiduu danda'an kan of keessatti hammate ta'uu beeksise.

Ministeerichi wixinee imaammata barnootaafi Leenjii haaraa irratti hayyoota waliin mariyachaa jiraachuu beeksiseera.

Ministirri Barnootaa Pirofesar Biraanuu Naggaa walatajjii marii kanarratti akka himanitti, wixinee imaammataa kanarratti yeroo adda addaa mariin taasifamuufi damee barnootaarratti dhimmoota jijjirama fiduu danda'an kan of keessatti hammatedha jedhaniiru.

Rakkoo sirna barnootaa keessatti umamee suphuuf imammaata qopheesuun qofaan furmaata kan fidu akka hin taane himanii rakkoo jiru furuuf qindoominaan waliin hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Imaammatichi yaadoota gorsaa Roodmaappii Barnootaafi Leenjii dhihaate bu'uuraa godhate, rakkoolee damee barnootaa keessatti mul’atan kan furuu danda'uufi ulaagaalee sadarkaa idil-addunyaa fudhatama kan qabudha jedhaniiru.

Gara fuula duraattis Tarsimoon raawwii imaammatichaa, bu'uura seeraafi sagantaaleen kan qophaa'an ta'uu eeraniiru.Imaammata kana hojiirra oolchuuf mootummaa qofaa osoo hin taanee hirmaannaa nama hundaa akka barbaachisus waltajjii kanarratti himameera.

Yaadonni ijoo wixinee imaammata barnootaafi Leenii kun daarekatara olaanaa Misooma Karkulamii Ministeera Barnootaa doktar Tewodroos Shawaarigax tiin dhihaatee irratti mariyatameera.

Waltajjii marii kanarratti miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, Ministeera Hojjetaafi Ogummaa, Biiroo Barnoota Naannoo, Dhaabbilee Barnoota Olaanoo, Waldaa Barsiisotaa, Mana Maree Gorsaa Barnootaa, waldaalee ogummaa adda addaa fi dhaabbileen biroon hirmaataa jiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015