Doktar Abiyyi mana barumsa Teknika Waraanaa Awaash Aarbaatti argamuun agarsiisa humna waraanaa waloo daawwatan

108

Amajji,13/2015(TOI) - Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Mana Barumsa Teknika Waraanaa Awaash Aarbaatti argamuun agarsiisa waraanaa qindaa'aa Humna Qilleessaafi Makaanaayizdii daawwataniiru.

Humna Qilleessaafi Makaanaayizdii ammayyeessuun meeshaalee ammayyaafi humna namaa muraasa gahumsa olaanaan ijaaruun murteessaa ta'uu ibsaniiru.

Daawwannicharratti Itaamaajoor Shuumii Humna Waraanaa Waliigalaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa dabalatee ajajoonni waraanaa biroo, Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa'eeliifi qondaaltoonni Raayyaa Ittisa argamuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame nimul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015