Konfaransiin Qorannoo Injiinariingii fi Teeknooloojii Idil-Addunyaa Yunivarsiitii Ambootti Taa’amaa Jira

90

Caamsaa 5/2011 Konfaransiin qorannoo Injiinariingii fi Teeknooloojii Idil-Addunyaa guyyoota lamaaf turu Yunivarsiitii Ambootti taa'amaa jira.

Gahee beekumsa Teeknooloojii fi Injiineriingii guddina itti fufaa ta'e fiduuf karaa akeekuun akka ta'e himameera.
Konfiransii qorannoo idil addunyaa kanarratti hayyoonni Yunivarsiitii Addunyaa bebbeekamoorraa dhufan hirmaachaa jiru. 
Kaayyoon konfiransichaas Muuxannoo fi dandeettii teeknooloojii fi injiinariingii irratti hayyoonni gara garaa qaban waliif qooduuf akka ta'es himameera.
Konfiransii kanarratti waraqaawwan qorannoo 52 ta'an ni dhiyaatu jechuun kan gabaase biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015