"Cuuphamuun Yesuus Kiristoos araaraafi dhiifamaan godoo jibbaa diiguu nu barsiisa" Obbo Shimallis Abdiisaa, PBMNO

167

Dhalli namaa harka Waaqayyootiin uumame. Kunis, dhalli namaa uumama biroo irra kabaja, ulfinaafi simboo qabeessa akka ta’e Macaafni Qulqulluun ragaa ba’eera.

Waaqayyo dhala namaaf jaalala dinqisiisaa waan kamiinuu hin madaalamne akka qabuufi uumuu isaa irraa kaasee hanga isa bade barbaadutti tarkaanfiin fudhate gocha jaalala ho’aan guutame ta’uu ifatti agarsiiseera.

Haata’u malee, namni ulfinaafi kabaja guddaaf uumame goyyomsaa Seexanaa bira darbuu dadhabuudhaan daandii nagaa irraa maqee Seexana wajjin imala gara badii hordofe. Kanaan namni Waaqayyoon kan gaddisiiseefi adabbii du’a bara baraa jala galuun birmadummaa, ulfinaafi simboo Waaqayyo uumaa isaatiin argate sana guutummaatti dhabee ture.

Fuula uumaa isaa jalaas miliquuf yaale. Kun Seexanicha badiisa, jibba, hammeenya, gargar ba’uufi du’a facaasuutti beekamu sanaaf gammachuu olaanaa ture. Waaqayyos akka dhala namaatti gaddeetti adabbii bara baraatti dabarsee hin dhiifne.

Fuula isaa gaarummaafi araaraan guute sana karaa ilma isaa Yesus Kiristoos biyya lafaatti agarsiisuu filate. Kanaanis araarri Waaqaafi nama jidduutti bu'e.

Yesuus Kiristoos namoota imala badisaa irra jiran gara mootummaa Waaqayyootti akka deebi’aniif kan amaneefi cuuphame akka fayyu barsiise. Cuuphamuunis cubbuu jalaa du’anii jireenya bara baraatiif lammaaffaa dhalachuu akka ta’e mirkaneesseera. Kanaafis hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti Ayyaanni Cuuphaa araaraa, dhiifamaafi gara laafummaa Waaqayyoo kana yaadachuf waggaa waggaadhaan haala ho’aafi hawwataa ta’een kabajama.

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa naannoofi biyya keenyaa, lammiileen keenya addunyaa mara irratti argamtan hundi baga guyyaa dinqisiisaa eebbaafi araara dachaan guutame kana nagaan geessan jechuun barbaada.

Akka barsiisa Yesus Kiristoositti Cuuphaan mallattoo aangoo du’a jalaa ba’anii gara jireenya bara baraatti ce’uu, fakkeenya birmadummaa kakuu haaraati. Cuuphaa booda jibbi, haaloo ba’uun, sanyummaan wal qooduufi wal takaaluun dhiifamaan bakka bu’amuun jireenya tokkummaa, jaalalaafi waliif yaaduun guutame jiraachuun gocha Kiristaanummaa guyyaa guyyaadhaan mul’ifamuu qabudha.

Duudhaa gaariin tokkummaa cimsuu, jaalalaan waliif yaaduufi jireenya araaraan guute waliin jiraachuun har’as biyya keenya keessatti amantaa, sabummaa, naannummaafi siyaasaan osoo wal hin qoodin waliin jiraachuun dagaaguu qaba.

Waggoota arfan darban aadaa walwaraansaa, jibbinsaafi diinummaa waggootaaf biyya keenya keessatti hidda gad fageeffatee ture hundeen buqqifnee imala jaalalaan ida’amnee dhiifamaan ce’uufi dallaa jibbiinsaa diignee riqicha jaalalaa ijaaruu eegalleen injifannoowwan gurguddaan galmaa’aa jiru.

Imalli eegalle kun qormaataan kan guute ta’us, ifa fuula keenya dura qormaataan gama jiru bira ga’uuf uummata keenya wajjin taanee humna keenya guutuun ni hojjenna. Badhaadhina hawaasaafi olka’insa biyya keenyaas ni mirkaneessina. Kana kan goonu garuu jibba, walqoqqooduufi walari’uu isa kaleessaa irra deebi’uun osoo hin taanee jaalala, araaraafi dhiifamaani dha. Waaqayyos nu gargaara.

Nageenya waaraa, ijaarsa sirna diimokiraasii sabdaneessummaan keessatti saareefi ifa badhaadhinaa fuula keenya duratti arguu jalqabne milkeessuufis hunduu waan dandeenyuun tumsuutu nurraa eegama.Itoophiyaan ijaaraa jirru kan qaamni tokko keessatti gammadee qaamni biroo ammoo keessatti gaddu, haaloo ba’uufis dabaree eeggatu osoo hin taane, Itoophiyaa garaa gartummaa tokko malee hundumtuu mataa ol qabatee keessa jiraatu dhugoomsuu dha. Kanaaf ammoo, jaalalaan ida’amnee dhiifamaan ce’uun tarkaanfii filatamaa ta’uu hubachuun yeroo hunda yaadaaf qalbii keenya qopheessuu gochaanis tumsuu qabna.

Imala jijjiiramaa eegalle galmaan ga’uufis mariin biyyaalessaa jalqabamee jiru marii araaraa hunda hirmaachisu, waldhabdee hunda hiikuun riqicha ta’ee Itoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesisu akka ta’uuf uummanni Oromoofi lammiileen Itoophiyaa xiyyeeffannoo kennuun dhugoomina isaaf tumsuun barbaachisaadha. Kanaafis, dhimma dhuunfaa keenyaa cinatti dhiifnee akka biyyaatti dhimmoota murteessoo ta’an irratti waliigaluu, waltumsuufi waliin hojjechuu aadaa godhachuun murteessaa dha.

Wayita Ayyaanicha kabajnus yaadotaafi gochoota nageenya naannoofi biyya keenyaa booressan, gara walwaraansaatti nu oofan irratti tokkummaan dura dhaabbachaa imala keenya akka itti fufnu dhaamaa; irra deebiin Ayyaanichi kan balbala jibbinsaa cufuun jaalala, dhiifamaafi araara keenya itti ibsannu akka ta’un hawwa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015