Mootummaan Itoophiyaafi Kubbaniyaan Gamtaa Immireetoota Arabaa Masdaar jedhamu aduurraa anniisaa meeggaa waattii 500 waliin misoomsuuf waliigalaniiru.

127

Amajji 10/2015(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad mootummaan Itoophiyaafi Kubbaaniyaan Gamtaa Immireetoota Arabaa Masdaar jedhamu aduurraa anniisaa meeggaa waattii 500 waliin misoomsuuf waliigaltee mallateessuu beeksisan.

Doktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti ergaa dabarsaniin, ''Mootummaan Itoophiyaafi Kubbaniyaan Gamtaa Immireetoota Arbaa 'Masdar' jedhamu waliin ta'uun buufata Soolaarii lamatti humna aduurraa anniisaa meeggaa waattii 500 misoomsuuf waliigaltee mallateessaniiru'' jedhan.

Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad Itoophiyaan qabeenya anniisaa haaromfamuu danda’u bal’aa akka qabdu himanii, “Kaayyoon sadarkaa idil addunyaatti Karboonii qilleensatti gad lakkifamu zeeroo gochuu milkeessuuf qabeenya annisaa haaromfamuu danda’u qabnutti fayyadamuufi anniisaa amanamaa, qulqulluu fi gatiin madaalawaa ta’e Itoophiyaa fi kanneen biroof akka dhiyaatu gochuuf dandeettii fi carraa guddaadha” jedhan.

"Doktar Abiy Ahimad turtii Gamtaa immireetoota Arabaatti taasisan xumuruun gara biyyaatti deebi'aniiru.]

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015