Sosochiin ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa dhiibbaa jijjira qilleensaa addunyaa rakkisaa jiruuf furmaata

390

Amajji, 8/2015(TOI) - Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad sosochiin ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa dhiibbaa jijjira qilleensaa addunyaa rakkisaa jiruuf furmaata jedhan

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Yaa’ii Idil Addunyaa Misoomaa Waaraa Abudaabii 15ffaa gaggeeffamaa jirurratti ergaa dabarsaniiru.

Haasaa isaanin Itoophiyaan sosochii ashaaraa magariisaan biyyaalessaattin hojii hojjettefi bu'aawwan argamerratti ibsa godhaniiru.

Itoophiyaan bara 2050’tti gadi lakkifama kaarboonii zeeroorraan gahuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Damee humnaan dhiibbaa jijjirama qilleensaa damdamachuu kan danda'uufi Karboonii xiqqaa humna fayyadamuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Keessaayyuu damee geejibaafi qonnaan humna kaarboonii bahuu xiqqeessun dhiibbaa jijjirama qilleensaa hiri'isuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Sosochiin ashaaraa magariisaa jijjirama haala qilleensaarratti hubannoo kennuun cinaatti lammiler hedduuf carraa hojii uumuu himaniiru.

Sosochiin ashaaraa magariisaa Itoophiyaa karboondaay Oksaayidii toonii miliyoona dhabbatti tilmaamamu qilleensa naannoo keessaa dhabamsiisuufi mancaatii bosonaa kan ittisuu danda'edha jedhaniiru.

Kanaaf Itoophiyaatti hojiin ashaaraa magariisaa hanga ammaatti hojjetee fi gara fuula duraatti hojjetu hojii hawaasni addunyaa dhiibbaa jijjirama qilleensaa xiqqeessuuf hojjetu keessatti humana dabalataa kan uumuufi furmaata jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015