Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa gaggeessitootaa cimsu kennamuu eegalera - ENA Afaan Oromoo
Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa gaggeessitootaa cimsu kennamuu eegalera

Caamsaa 06/2011 Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa gaggeessitootaa cimsu gaggeesitoota godinaalee Oromiyaa 9 fi bulchiinsa magaalotaa shan irraa walitti dhufan 1,800 ta’aniif Magaalaa Jimmaatti kennamuu eegaleera
Itti Gaafatamaan Ijaarsaa fi Siyaasaa Magaalotaa Waajjira giddu galeessaa ODP Obbo Kaasaahuun Goofee, qabsoon ummata Oromoo bu'aa ba'ii hedduu keessa darbee sadarkaa injifannoo haaraa fi milkaa'aarra gaheera jedhaniiru.
Abbaan injifannoo ummata Oromooti kan jedhan Obbo Kaasaahun, gaggeessitoonni ODPs injifannoo argame eeguun sadarakaa ol'aanaatti ceesisuu fi milkeessuu keessatti gahee isaanii bahuu akka qaban dhaamaniru. Leenjiin kun guyyoota 15f tura.
Madda:BDhKMNO