Hawaasa Sodaa dhalaa tajaajila faayinaansii baankii hammayyaarraa faagaatee ture hammchuun hujiin abdii namaa kennu galmaahaa jiraachuun himame.

98

Amajji, 7/2015(TOI) - Baankii hujii gamtaa Oromiyaa kutaa tajaajila baankii dhalarraa bilisaa (koop Baank al _hudaa) marii maamiltoota isaa naannoo Roobee wajjiin geggeessee jira.

Maricharratti kan argaman Baankii hujii gamtaa Oromiyaatti daarekteera misooma gabaafi biznasii obbo Jireen Shiis akka jedhanitti baankichi tajaajila faayinaansii hammayyaa hawaasa hunda hammatu geeggessuu irratti argama jedhan.

Keessattuu hawaasa Sodaa dhalaa tajaajila faayinaansii baankii hammayyaarraa faagaatee ture hammchuun hujiin abdii namaa kennu galmaahaa jiraachuus himan.

Sochii hujii tajaajila baankii dhalarraa bilisaatiin hanga ammaatti taasifameen qarshii biiliyoona 18.6 horachuus eeran.

Baankichi Sirna faaynaansii seera shari'aa hordofuun geeggeffameen qarshii biiliyoona 17 maamiltootaaf liqeessuun agarsiiftuu carraaqqii kanaa tahuus himan.

Baankii hujii gamtaa oromiyaatti daarekterri distiriiktii Baalee Obbo Muhammad Gashee hubannoo hawaasni tajaajila baankii dhalarraa bilisaa irratti qabu cimsuun fayyadamummaa daran dabaluuf kaayyeffatuus himan.

Hawaasni bal'aan hubannoo baankii dhalarraa bilisaa irratti argachuun diinagdee biyyaa keessatti gahee isaanii akka bahaniifi shoora ol'aana qabas jedhan.

Maamiltoonni maricharratti argaman gama isaaniitiin hubannoon argatanitti fayyadamuun sirna baankii dhalarraa bilisaa kanarraa fayyadamuufi si'oomina keessatti uumuu himan.

Baankiin hujii gamtaa Oromiyaa maamiltoota waliigalaa miiliyoona 10 horate keessa miiliyoonni 2 ol kan dhalarraa bilisaa tahuu saganticharratti ibsamee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015