Daldala seeraan alaa alergiirratti mul’atu too’achuuf kutannoon hojjetama

83

Amajjii 6/2015 (TOI)- Daldala seeraan alaa alergiirratti mul’atu too’achuuf mootummaan qaamolee dhimmi ilaallatu waliin kutannoon kan hojjetu tahuu Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dubbataniiru.

Obbo Shimallis Abdiisaa daldala alergii guddisuuf alergitootaa fi baankota waliin mari'ataniiru.

Maricharratti Obbo Shimallis oomisha al-ergii jabaa qabaachuu fi sirnaan itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Alergii seeraan itti hin fayyadame taanaan, biyya eeggatummaa jalaa baasuun akka hindanda’ame eeranii, diinagdee jabaa ijaaruuf abbootiin qabeenyaa fi mootummaan waliin hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Daldala seeraan alaa yeroo amma al-ergiirratti mul’atan too’achuufis, qaamolee dhimmi ilaallatu waliin kutannoon kan hojjetamu ta’uu ibsuu OBN gabaaseera.

Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Horataalee Mootummaa Dooktar Girmaa Amantee kaayyoon marichaa karoora daldala al-ergii qabame milkeessuuf rakkoowwan gama alergiin jiran irratti mari'achuu fi furmaata kaa'uuf akka ta'e ibsaniiru.

Inisheetiivota haaraa hojiirra oolchuun galii alergii irraa argamu dabaluu cinatti oomishaalee haaraan akka alatti ergaman haala mijeessuu fi qindoominaan hojjechuu akka dabalatu himaniiru.

Naannoon Oromiyaa oomishaalee sadarkaa biyyaalessaa alaatti ergaman keessaa %62 qooda kan qabu ta'uu fi barana sadarkaa Oromiyaatti daldala alergii irraa Doolaara biiliyoona 4 ol argamsiisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015