Maanchestar Siitiin Priimiyar Liigii Ingiliiz 2018/2019n Shaampiyoonaa Ta'e

62

Finfinnee Caamsaa 5/2011 Maanchestar Siitiin priimiyar liigii Ingiliiz 2018/2019n shaampiyoonaa ta'e.

Tapha kaleessa gaggeeffameen Maanchestar Siitiin Braaytan 4f 1n injifachuun shaampiyoonaa ta'eera.   

Shaampiyoonaa priimiyar liigichaa ta'uuf haala gaariirra kan ture Liivarpuul, Woolvis 2f 0n injifatus shaampiyoonaa osoo hin ta'iin hafeera.  

Tapha kaleessaatiin Maanchestar Siitii fi Liivarpuul dorgomtoota isaanii injifatanis, Siitiin qabxii duraan qabuun Liivarpuuliin qabxii 1n caalee shaampiyoonaa priimiyar liigii Ingiliiz kan bara 2018/2019 ta'uu danda'eera.  

Liivarpuul qabxii 97n lammaffaa ba'uun saganticha xumureera.   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015