Namootaa waraqaa eenyummaa sobaan burjaajii uumanirratti tarkaanfiin fudhatama jira

309

Amajjii 4/2015 (TOI)- Namoota dhuunfaa waraqaa eenyummaa sobaa qopheessuun ‘Miseensa Dhaabbata Tajaajilaa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa, dhabbilee mootummaa fi kanneen birooti’ jechuun burjaajii uumanirratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuun ibsame.

Tajaajillii nageenyaa odeeffannoo biyyaalessaa akka beeksisetti namootaa warqaa eenyummaa sobaan burjaajii uumaman irratti hordoffii taasisaa turuu yaadachiiseera.

Yeroo dhiyoo asis tooftaan burjaajii kun dabalaa dhufuurraan tarkaanfii fudhachuu eegaluu beeksiseera.

Tibbanas hordoffiiwwan taasifamaniin, Fallaqaa Deebisaa Dammaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 02, Asfawu Adaamaa Mutaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo Aanaa 01, Saamsoon Gannanaa Mangashaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Boolee Aanaa 5, Tasfaa Hatawuu Gamteessaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sabbataa, Yohaannis Baqqalaa Tiksaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuutti, warqaa eenyummaa Tajaajilaa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa qabatanii wayiita socho’an to’annoo jala oolfamaniiru.

Namoonni biroon waraqaa eenyummaa dhaabbilee mootummaa fayyadamuun gochaalee seeraan alaarratti boba’an qaamolee nageenyaan to’atamaniiru.

Namoota dhuunfaa warqaa eenyummaa mana hojii tajaajilchaa fi dhaabbilee biroon fakkeeffamaniin hojjetaman fayyadaman, qabsoo farra malaanmatummaa mootummaan eegalee hordofee tarkaanfii fudhatamu gufachiisuuf kan kaayyefate ta’uun eerameera.

Hawaasni, namoota miseensummaa dhaabbilee mootummaa himatanii warqaa eenyummaa sobaan burjaajii uumaniin walqabatee, haalonni shakkisiisoon wayita mudatuun toora bilbila bilisaa 910 fi Imeelii Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Info@niss.gov.et, akkasumas karaa bilbilaa Poolisii Federaalaa 816 fi 987 eeruu kennuu akka danda’an ibsamuu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015