Erga walii galteen nageenyaa taasifamee as qorichootaafi galteewwan biroo baasiin isaanii birrii miliyoona 243 ta'u Shireefi Maqaleen gahuun danda'ameera.

87

Amajji, 3/2015(TOI) - Erga walii galteen nageenyaa taasifamee as qorichootaafi galteewwan biroo baasiin isaanii birrii miliyoona 243 ta'u Shireefi Maqaleen gahuun danda'amuu Ministirri Fayyaa doktar Liyaa Taaddasaa himan.

Doktar Liyaan miidiyaaleef ibsa kennaniin akka himanitti erga walii galteen nageenyaa taasifamee as sababa waraana kabaa Itoophiyaa tureen dhaabbilee fayyaa tajaajilaan ala ta'an deebi'anii akka gara hojiitti galan hojjetama jira.

Haaluma kanaan yeroo ammaa karaa Koriidara Shireefi Allaamaaxaa dhaabbilee fayyaa 36 gara hojiitti deebi'aniiru.

Dhaabbilee kannee keessa hojjetoonni hojjechaa turanis gara hojii isaanitti deebi'uufi kanaafis bajanni barbaachisu ramadamuu himaniiru.

Bakkeewwan rakkoon umamee ture kanneenitti hawaasni argamu tajaajila fayyaa akka argatu karaa qindaa'een tajaajila kennuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Naannoo Amahaaraafi Affaarittis dhaabbilee fayyaa sababa waraanaan miidhaman gara hojiitti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu himamniiru.

Naannoo Amahaaraatti hospitaalonni 40 ol, buufata fayyaa 415 gara hojiitti galuun himameera. Naannoo Affaaritti hospitaalli tokko fi buufannii fayyaa 20 gara hojiitti deebi'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015