Leenjiin Ogeessota Miidiyaa Fi Komunikeeshiniif Kennamaa Ture Xumurame

132

Caamsaa 03/2011-Biiroon barnoota Oromiyaa leenjii ogeessota miidiyaa fi komunikeeshinii Adaamaa Hoteela Karrayyuutti guyyaa lamaaf kennaa ture xumurame.

Leenjii hubannoo uumuu kanarratti gaggeessitoonnii fi ogeessonni miidiyaa fi komunikeeshinii sadarkaa naannoo fi Godinaa hirmaataniiru.

Leenjichi adeemsa baruu-barsiisuu milkeessuuf hojiin miidiyaa fi komunikeeshinii akkaataa barbaadamuun hojiirra oolchuun dhaloota dorgomaa fi ofitti amanamummaa qabu oomishuuf hojii hojjetamuu qaburratti kan xiyyeeffatedha.

Leenjii kanarratti hogganaan biiroo dhimmoota Komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Admaasuu Daamxoo wayita kallattii hojii keennan akka jedhanitti barnootaan alaa biyya keenya jijjiiruun hin danda’amu, biiyya badhaatee fi nageenyi amansiisaa keessatti mirkanaa’ee fi jireenyaaf mijooftuu taate gochuuf dhaloota haaraa itti gaafatamummaan itti dhagahamuu fi abdii biyyaa ta’e horachuuf hojii barnootaaf xiyyeeffannaa keennuun hojjechuun dirqama jedhaniiru.

Ogeessoonni miidiyaa fi komunikeeshinii odeeffannoo beekumsarratti hundaa’e kennuuf dursa beekumsaan of qopheessuu akka qabanis Obbo Admaasuun himaniiru.
Dhaloota ofitti amanamummaa fi jaalala biyyaa qabu horachuu keessatti ammoo tumsa hunda keenyaa gaafata kan jedhan Obbo Admaasuun, hojii barnootaa milkeessuuf hojii miidiyaafii komunikeeshinii yeroon gaafatu irratti xiyyeeffachuun ni hojjetama jedhaniiru.

Ogeessi miidiyaa fi komunikeeshinii sadarkaa hunda irratti argamu dirqama lammummaa qabu beekuun odeeffannoo lammii barsiisuu fi qaru barataa bira qaqqabsiisuun gaheesaanii bahuu akka qaban dubbataniiru.

Hojiin barnootaa fi miidiyaa fi komunikeeshinii sammuu namaa ijaaruu fi jijjiiruurratti kan xiyyeeffatudha kan jedhan obbo Admaasuun, hojiin hojjetan tokko waan ta’eef biiroo barnootaa waliin qindoominaan walitti fufiinsaan ni hojjetamaa jedhaniiru.

Miidiyaaleen hundi hojii barnootaaf balbalasaanii banaa akka taasisanii fi gaheesaanii bahuu akka qabanis Obbo Admaasuun dhaamaniiru.

Hogganaa itti aanaa biiroo barnoota Oromiyaa Obb Girmaa Baayyisaa gamasaaniitiin lammiin umriin isaa baruumsaaf gahe kamiyyuu barumsaa ala akka hin taane hojii hojjetameen manneen barnootaa babal’isuun waliin gahiinsi barnootaa lammii hundaaf akka qaqqabu hojii hojjetameen milkaa’inni argameera jedhan.

Haa ta’u malee qulqullina barnootaan wal qabatee ammas qaawwaa guddaan jiraachuusaa kan dubbatan Obbo Girmaan, rakkoo kana xiqqeessuuf mootummaan hojjechaa jiraachuusaa himaniiru.

Hojii gama kanaan jiru milkeessuuf ammoo hojiin miidiyaafi komunikeeshinii murteessaadha.


Yeroo ammaa naannoo Oromiyaatti Barattoonni miiliyoona 10 ol barnootarra jiraachuusaanii kan eeran obbo Girmaan, odeeffannoo dhaloota qaru barattoota kunneen bira qaqqabsiisuuf yeroo hunda ajandaa keenya barnoota godhachuun barbaachisaa akka ta’e himaniiru.

Barataan naamusa gaariidhaan baruumsa isaa hordofuun imaanaa itti keenname galmaan akka geessisu hojiin hubannoo uumuu miidiyaalee jiraniin odeeffannoo bira qaqqabsiisuun barbaachisaadha.

Milkaa’ina isaatiif ammoo ogeessonni miidiyaa fi komunikeeshinii murteessaa waan ta’eef ogeessonni leenjii kana fudhatan barattootaa fi hawaasa barnootaaf odeeffannoo sirrii fi irraa baratamu qaqqabsiisuun milkaa’ina hojii baruu barsiisuuf gaheesaanii akka bahan Obbo Girmaan gaafataniiru.

Madda:BDhKMNO

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015