Baatiin fayyaalessaa haadholii hojiiwwan fayyaa haadholii gargaaran addaddaatiin nikabajama

131

AmaJJii 01/2015(TOI)- Baatiin fayyaalessaa haadholii  hojiiwwan fayyaa haadholii gargaaran addaddaatiin akka kabajamu ministeerri fayyaa beeksise.

Baatii fayyaalessa haadholii sadarkaa biyyaalessaatti yroo 17ffaaf sadarkaa idil addunyaatti yeroo 36ffaaf Amajjii 1 amma 30 bara 2015tti mata duree “dudha haadholii sababa ittisuun danda’amuun mudatan waltaanee haadhaabnu” jedhuun nikabajama.

Ministirri fayyaa doktar Liyaa Taaddasaa dhimmicharratti ibsa kennaniin, sadarkaa idil addunyaatt waggaatti haadholiin kuma 295 ulfa, dahumsaa fi rakkoolee fayyaa dahumsaan booda uumamuun lubbuusaanii akka dhaban dubbataniiru.

Kana keessaa duuti haadholii dhibbantaa 94 ta’u biyyoota guddachaa jiran keessatti akka uumamu ibsaniiru.

Kanaaf kaayyoon kabajamuu baatii haadholii fayyaalessaa dhukkubaa fi du’a haadholii hir’isuuf hirmaannaa akka biyyaatti taasifamaa jiruun qaamoliin qooda fudhattootaa deeggarsasaanii akka cimsan taasisuu akka ta’e eeraniiru.

Hojiiwwan hubannoo uumuurraa eegalee hojiiwwan fayyaa haadholii fooyyessuuf dandeessisan ni’adeemsifamu jedhaniiru.

Baatii kana sababeeffachuun bu’uraalee misoomaa sababa waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuu fi galteewwanii yaalaa fi qorichoota qaqqabsiisuuf akka hojjetamu dubbatanii, kana cinaattis naanno;ee waliin qindaa’uun hojiilee hubannoo uumuu bal’inaan hojjechuuf karoorfamuu himaniiru.

Waraanni kutaa biyyattii kaabaatti uumame dhaabatee waliigaltee nageenyaan asitti jijjiiramni abdachiisoon wayita mul’atanitti baatiin hadholii fayyaalessaa kabajamuunsaa adda akka isa taasisu dabalanii ibsaniiru.

Infeekshiniin dhiibbaa dhiigaa dahumsaan boodaa fi hanqinni dhiheessii dhiigaa Itiyoophiyaatti du’a haadholiif sababa ta’uun beekameera.

Haala Kanaan sadarkaa biyyaalessaatti guyyaatti haadholiin 38 rakkoolee fayyaa wayita ulfaa dahumsaa fi dahumsaan booda akka du’an odeeffannoon ministeera fayyaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015